in

Hongeen Afrikaa Bahaa daa’imman miliyoona 3.6 manneen barnootaa irraa hambisuu danda’a jedha Dhaabbata Biyyoota gamtoomaniitti Jaarmiyaan baraarsa daa’immanii UNICEF.

[ad_1]

Hongeen Afrikaa Bahaa daa’imman miliyoona  3.6 manneen barnootaa irraa hambisuu danda’a  jedha Dhaabbata Biyyoota gamtoomaniitti Jaarmiyaan baraarsa daa’immanii UNICEF.  

 

Balaan hongee kun biyyoota Afrikaa Bahaa keessatti dhaloota dhabsiisuu danda’a jedhama. 

Haala muddaa naannawa kanatti dhalateen lakkoofsi kun kan ji’oota 6 dura mil. 1.1 turerraa dachaa sadiin guddachuu eera UNICEF.

Biyyoota akka Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Keeniyaatti miliyoononni sababa hanqina nyaataa muddama jabaa keessa jiru jedhama.

Roobni waqtiiwwan roobaa 4’n dabran jiraachuu dhabuun, maatii baay’ee balaarra buusee jira. Daa’imman hedduun hanqina nyaataan  dhumaniiru. Maatiin baay’een immoo qe’ee dhiisanii godaananiiru.

Hunda caalaa immoo barattoonni shamarranii saaxilamummaa olaanaa jala jiru jedhe.

Barattoonni beelaan daree keessaa hafaa jiru. Irra caalaan isaanii immoo barattoota shamarraniiti jedhan. Yeroo beelaa hundaa ol saaxilamoon dubartootaa jetti  Daarektarri Plan International Saadiyaa Aliin.

“Baay’ee nama yaaddeessa. Barnoonni dhala namaatiif tika qaamaa, qorqalbii fi hubannoo ti. Shamarran mana barnootaa keessaa harca’uun nama aarsa. Kun mul’ata isaanii miidha. Shamarran barnoota dhaabuun mirga isaanii dhabuu dha.”  jetti Saadiyaa Aliin.

Gaa’illi umurii malee yeroo hongee fi balaawwan uumamaa akka hammaatullee ni himama baha Afrikaa keessatti.

Afrikaa Bahaatti balaa hongee kana dabalatee balaawwan kan birootiin daa’imman miliyoona 15tu barnoota addaan kutee jira jedha Abhiiyaan Jang Raanaa gorsaan dhimma barnootaa bahaa fi kibba Afrikaa  kan UNICEF.  

Yaaddoon jiru daa’imman  Miliyoonni 3.6 maatii isaanii sababa hongeen buqqa’an hordofanii buqqa’uun barnoota dhaabuu malu kan jedhu dha jedhu  qondaalli UNICEF kun.

Barsiisonni fi rogeeyyiin Biyya Somaaliilaand haalli  akkanaa ammumaa mul’achaa jiraachuu himu jedhan. 

Jang Raanaan akka jedhanitti sababa balaawwan akka COVID 19 asiin dura uumamanii dabalatee shamarran mana barnootaatii harca’an mataansaanii carraan mana barnootaatti deebi’uu isaanii xiqqaa dha. 

“Sababni isaas gariin heerumaniiru, gariin ulfaa’aniiru, gariin immoo  dhiibbaa koorniyaatiif saaxilamanii jiru. Hongee kana boodas waanuma wal fakkaatan tilmaamaa” jedhan. 

“Ergaan ani addunyaaf qabu waan humna qabu akka barnootaa shamarran jala dabruun dhaloota dhabuudha” jetti Saadiyaan.  Kun dhaloota itti aanu gatii kaffalchiisallee jetti. 

Akka raaga Unicef kanatti Keeniyaatti barattoonni miiloiyoona 1.57,  Itoophiyaatti barattoonni miiliyoona 1.14 Itoophiyaatti,  Somaaliyaa fi Somaaliilaanditti immoo walumatti barattoonni 900,000  sababa hongee kanaan barnoota addaan kutuu malu.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Ethio telecom unveils three-year development strategy

Currency depreciation puts Ethiopian Electric Power in loan payment crisis | Addis Zeybe