Hongee waggoota 40 as mul’atee hin beekne Itoophiyaa mudateen gaaga’amni guddaan qaqqabuu Jaarmiyaan gargaarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii dameen Itoophiyaa beeksise.
UNOCHA’n dhugaawwan lafarra jiran kan hongeen walqabatan jechuun maxxanseen hongeen kun waggoota kurnan 4’n darbanii as isa hamaa dha jedha.
Namoonni miliyoona 17 kan sababa kanaan miidhaman kan gargaarsi maluuf adda baafamanii jiru jedha.
Beeyldadni miliyoona 4 dhumuu ibsa.
Naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti weerarri Koleeraa sababa kanaan ka’ee jira. Daa’imman kichuun waggaa 5 gadii miliyoona 3.6 ta’an, haawwan ulfaa fi harma hoosisan nyaata madaalawaa barbaadu jedha Jaarmiyaan gargaarsa namoomaa dhaabbatichaa Dameen Itoophiyaa odeessa waytaawaa hongee Itoophiyaa irratti baaseen.
GIPHY App Key not set. Please check settings