[ad_1]
Hirmaattonni jala bultii Irreecha birraa bara 2022tiif gara magaalaa Finfinnee fi Bishooftuu imalaa turan hedduun humnoota mootummaatiin qabamuun mana hidhaatti dararamaa jiraachuu maddeen OMNitti himan.
Namoonni ayyaana Irreechaaf manaa ba’anii, qaamolee mootummaatiin butaman kunniin, guyyoota 5 oliif hidhamanii jiraatanis mana murtiitti hin dhihaatin jiraachuusaanii maddeen ibsaniiru.
Dargaggoonni jala bultii kabaja ayyaana Irreechaa irratti humnoota mootummaatiin qabaman waajjiraalee poolisii magaalaa Finfinnee adda addaa keessatti hidhamanii jiraachuu maddeen OMN-tti himaniiru.
Jimaata galgala magaalaa Finfinnee keessatti namoonni ayyaana irreechaa hirmaachuuf gara Finfinnee dhufanii turan, gariin bakka ciisichaa isaaniitii gariin ammoo dirree Masqalaafi hoteela Giyoon bakka konsertiin Irreechaa itti adeemsifamaa turee qabamuu isaaniiti OMN kan odeeffate.
Dabalataanis dargaggootni hedduun seensa magaalaa irratti kan qabaman yoo ta’u, hedduun isaanii humnoota mootummaatiin hidhamuu isaanii malee bakki buuteen isaanii beekamaa akka hin taane maddeen himaniiru.
Dabalataanis namoonni ayyaana Irreechaa Hora Arsadee kabajuuf gara Biishooftuu adeemanii achitti hidhaman hedduun, eessa akka geeffaman hin baramne jedhu maddeen odeessa kana nuuf qoodan.
Hirmaattota Irreechaa tibbana humnoota tikaa mootummaatiin too’ataman keessaa dargaggoon Alamaayyoo Taayyee jedhamu tokko ta’uu maddeen OMNitti himaniiru.
Alamaayyoo Taayyee yookaanuu namoota hedduu biratti Alex Taayyee jedhamuun kan beekamu yoo ta’u hojii daldala dhiheessii Dammaa irratti bobbaa’un jireenyasaa fooyyessuuf carraaqaa akka turetu himama.
Tibba darbe jala bultii irreecha hora Finfinneetiif akkuma magaalaa Finfinnee dhaqqabeen halkan keessaa naannoo sa’atii 10:00 irratti kutaa ciisee jiruu qorannoof barbaadamte jechuun hirriba isaa irraa kaafaamee humnoota tikaatin akka qabameedha OMN maddeenirraa kan odeeffate.
Iddoon inni itti too’atame magaalaa Finfinnee naannoo Meeksikoo tahuu kan himan maddeen humnoonni tikaa isa hordofaa turan qorannoof si barbaanne jedhanii fuudhanii akka deemaniiin himu.
Erga fuudhanii deemanii booda garuu eessa akka geeffame wanni beekamu hin jiru kan jedhan maddeen gaafa jala bultii irreechaatti naannawa galma Giyoon konsertiin itti qophaa’etti namoonni 50 ol humnoota mootummaatiin qabamanii akka hidhamantu ifoome.
Oduma wal fakkaatuun dargaggoo Hundumaa Sarbeessaa dhalataa magaalaa Sulultaa yoo tahu fulbaana 30,2022 jala bultii kabaja ayyaana Irreecha Hora Finfinnee irratti butamee eessa akka jiru dhabamuu maddi keenya biroo tokko himeera.
Hanga har’aatti maatii fi hiriyootni isaas quba kan hin qabne tahuu addeeffameera.
Namoonni hidhaman kun irra jireessaan eessatti akka hidhaman waan hin baramneef maatiin hidhamtootaa hanga ammaatti barbaaddachaa akka jiraniidha maddeen kan ibsan.
Odeessa birootin torban jala bultii Irreechaatti magaalota godina Addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee, Burraayyuu, Sabbataa fi Laga Xaafoo Laga Daadhiitti namoonni Irrecha hora Finfinnee irratti hirmaachuuf imalaa turan danuun humnoota tikaa fi waraana sirnichaatiin ukkaamfamanii hidhamaa akka turan jiraattonni garasii OMN dubbise himaniiru.
Namoonni ayyaana irreechaaf manaa ba’anii, qaamolee mootummaatiin butaman kunniin, guyyoota 5 oliif hidhamanii jiraatanis mana murtiitti hin dhihaatin jiraachuusaanitu himama.
Haaluma Walfaakkaatuun jala bultii ayyaana Irreecha hora Arrsadeef namoonni imalaa turan hedduun hidhamaa akka turanis odeeffanneerra.
Keessumaa hirmaattonni danuun magaalaa Duukam, Mojoo fi Bishooftuutti hidhamanii akka jiraniidha odeeffannoon kallattii adda addarraa nu dhaqqabu kan mullisu.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings