Hiriira Guddicha Hagayya 6 bara 2016 Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti bahame irratti hirmaatanii wayita poolisiin rukutamanii kufan kan mul’atan obboo Hirkoo Ayyaanaa du’aan addunyaa kana irraa boqatan.
Obboo Hirkoon turtii bara 2018tti OMN waliin taasisaniin, mirgi uummata Oromoo sarbamuun hedduun akka isaan quuqu dubbatanii turan.
Kanaafis Hiriira Guddichaa Hagayya 6 bara 2016 Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti waamamee ture irratti hirmaachuuf akka murteessan himanii turan.
Hiriira mootummaa ADWUI olaantummaa garee TPLFn durfamu mormuuf bahame kana irratti bakka kufanii ol jedhanii wayita taa’an poolisiin saggoo irra uleedhaan rukutee wayita deebisee kuffisu mul’ata.
Obboo Hirkoo Ayyaanaa waggoota hedduuf Itiyoo Telekoom keessa akka hojjatan seenaan jireenya isaanii ni mul’isa.
Obboo Hirkoon umurii 81ffaa isaaniitti du’aan kan boqatan yammuu ta’u, sirni awwaalcha isaaniis magaalaa Finfinnee Bataskaana Abboo Saaris jirutti raawwatameeti jira.
Obboo Hirkoo Ayyaanaa abbaa ilmaan 5 turan.
GIPHY App Key not set. Please check settings