Hidhattoota faannoo daangaa ce’uun Oromiyaarratti duula qindaa’aa geggeessaa jiran balaaleffachuuf, hiriirri barattootaan dho’e guyyaa 4ffaaf cimee itti fufuun geggeeffamaa ooleera.
Daangaan Oromiyaa haa kabajamu, Oromoon qe’eefi qabeenyasaarra nagaan haa jiraatu, hidhaafi ajjechaan uummatarraa haa dhaabbatuufi kkf dhaadannoolee hiriiricharratti dhaga’amaa jiran keessaa warreen muraasa.
Sadaasa 9, 2022 Oromiyaa bakkeewwan hedduutti hiriirichi geggeeffamee jira.
Tibbana ajjechaan suukkanneessaa humnoota naannoo Amaaraarraa gara Oromiyaatti bobbaafamaniin qonnaan bultoota Oromoo irratti raawwate, Oromoo guutuu mufachiisuun, Oromiyaan qilleensa warraaqsaa akka qilleensoftuuf sababa ta’eera.
Roorroon ulfaataa waggoota lama guutuuf hidhattoota faannootiin Oromoota daangaarratti raawwatamaa ture ariitiin furamuu dhabuunsaa, uummatni aarsaa lubbuu akka kaffalu taasiseera.
Keessumattuu, Godinaalee Horro Guduruu, Wallagga Bahaa, Shawaa Kaabaafi Shawa Bahaa, akkasumas Walloofi Matakkal dabalatee, ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf, humnoota faannootiin ajjeefamaa, qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaafamaafi gidirfamaa har’a ga’aniiru.
Hidhattootni faannoo Oromoota Walloofi Matakkal konkolaataarraa buusuun jumlaatiin yeroo ajjeesan, manneen qonnaan bultootaatti ibidda qabsiisuun yeroo barbadeessan ragaaleen adda addaa mullataa turan hedduudha.
Mootummaanis gocha humnoota kanaa utuu arguu akka waan hin arginiitti callisee bira darbaa tureera.
Humnoonni faannoo kunniin farda luuguma kutate ta’uun, humna isaanii jabeessaa, gara jabeenyummaa daangaa darbeen duula qinda’aa Oromiyaarratti banuun isaanii waggaa lama caalee jira.
Dhawatuma diinummaan isaanii mullifachaa adeemaniin, ilma namaa adabaaba’iitti baasanii jumlaan rashanuu, manneen jiraattotaa gubuufi qabeenya saamuus akkaan hammeessaa dhufuun isaanii, uummata bal’aa mufachiisuun mormiif manaa isa baase.
Tibbanas Godinaalee Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallagaa keessatti jiraattota aanaalee sadiifi magaalota xixiqqoo adda addarratti weerara geggeessaniin, lubbuu lammiilee nagaafi qaamolee mootummaa dhibbootaan lakka’amanii galaafataniiru.
Barattoonni Oromoofi uummatni bal’aas duula qindaa’aa humnoota faannootiin Oromiyaarratti baname kana balaaleffachuuf dirreetti ba’aaniiru.
Hiriirri mormiis Oromiyaa guutuu keessatti erga dhohe guyyoota lakkoosiseera.
Sadaasa 6 irraa eegaluun hanga guyyaa har’aattis, dhaabbilee barnoota olaanoofi manneen barbootaa sadarkaa gadii keessatti hiriirri balaaleffannaa cimee itti fufeera.
Kaleessa galgalarraa hanga har’aattis, Yuunvarsiitiileefi magaalota hedduu keessatti hiriirichi geggeeffamee jira.
Yuunvarsiitii Odaa Bultum, Yuunvarsiitii Adaamaafi Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddoo akkasumas Yuunvarsiitii saayinsiifi teekinooloojii Finfinnee keessatti nyaata lagachuufi dhaadannoo dhageessisuun hiriirri balaaleffannaa taasifameera.
Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Horro Bulluq mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Saqalaa, Arsii Dodolaa, Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhugoo, bulchiinsa magaalaa Holataa, Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Najjoo Alaltuu sad.2ffaa, mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Beddelleefi magaalaa Shaashemannee keessatti hiriirri mormii guddaan adeemsifamee oolee jira.
Hiriirota kanneen irratti dhaadannooleen Daangaan Oromiyaa haa kabajamu, Oromoon qe’eefi qabeenyasaarra nagaan haa jiraatu, hidhaafi ajjechaan uummatarraa haa dhaabbatu, Oromiyaa haa baraarruufi fi kkf hiriiricharratti dhaga’amaaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings