in

Hidhattoonni mootummaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Jalduu ganda Sariitii jedhamutti Manguddoo loon tiksaa ture maalif bilbila haasofta jechuun loon biraa fuudhanii ganduma isaa keessatti bifa sukkanneessaan ajjeesan jedhu jiraattonni.


Hidhattoonni mootummaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Jalduu ganda Sariitii jedhamutti Manguddoo loon tiksaa ture maalif bilbila haasofta jechuun loon biraa fuudhanii ganduma isaa keessatti bifa sukkanneessaan ajjeesan jedhu jiraattonni.

 

Manguddoon ganna 60 Obbo Dirribaa Caalaa kan ajjeefaman Poolisoota Humna addaa Oromiyaa gandicha keessa sakatta’aa WBO jechuun naannawaa turaniin jedhu jiraattonni.

Bakka loon tiksanii maatii isaanii bilbilaan osoo dubbisaa jiranii “Hidhattoonni mootummaa asiin darbaa jiru jechuun WBOf odeeffannoo kennaa jirta” jechuun shakkiidhumaan ajjeesan jedhu jiraattonni.

Dilbata dheengaddaa isaanii loon tikfachaa jiranii taateen kun irratti raawwate jedhan. 

Akka jiraataan ganda Sariitii waan kana quba qabu OMN-tti himetti Obbo Dirribaan naannoo sa’aatii 09:00tti bakka loon tikfachaa turanitti  ilmi hojiif  fagoo jiru bilbilaan isaan dubbisaa ture. 

Hidhattoonni mootummaa ganda Sariitii kana keessa darbaa turan garuu Obbo Dirribaa bilbila haasawu shakkan. Waraana Bilisummaa Oromootiif akka nu asiin darbaa jirru eeruu kennaa jirtaa mitii jechuun loon biraa qabanii deeman. 

Manguddoon kun garuu “Ani bilbila ilma koottin bilbilaa ture. Garee isin jettan kana quba hin qabuuyyu” jechuun hubachiisuu yaalan. 

Jarri garuu didanii fuudhanii sokkan.Yeroo kana mucaan ga’eessi isaan waliin loon bira ture gara qe’eetti ol bilbiluun Abbaa keenya qabanii deemaa jiru hidhattoonni asiidarban waan ta’eef qe’eerra darbaa jiru gadi bahaa itti dubbadhaa jedhaan. 

Kana kan dhagahan haati warraa isaanii umrii manguddummaa keessa jiran ilmi isaanii kan qe’ee jiru hidhattoota kanneen miilatti kufuun kadhachaa turan. Garuu jarri kun homaa rifachuufii didan. Obbo Dirribaa fuudhanii deeman. Ganda Sariitii bakka addaa Digaluu jedhamutti bifa suukkaneessaan ajjeesanii deeman jedhu Jiraatotni.

Iyya ijoollee loon tiksitu kan waan kanaan baaragdee kan dhagahe mandarri Diigaluu girrisee yoo dhaqu  Obbo Dirribaa lubbuun keessa hin jirtu. Uffataan maranii gara manaa fudhachuun bariitu Wiixata bataskaana Baalawaldii jedhamutti awwaallatan.

Qaamni yakka kana raawwate poolisoota humna addaa Oromiyaa lakkoofsan 7 ta’an jedhu jiraattonni. 

Gandichatti ajjeechaan sukkanneessaan akkanaa hidhattoota mootummaatiin raawwatamee hin beeku jedhu jiraattonni.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Tax-payers critic recognition metric – Capital Newspaper

Manneen barnoota Finfinnee Afaan Oromoo qofaan hojii baruu fi barsiisuu raawwachaa jiran hir’ina meeshaalee barnootaatiin rakkataa jiraachuu baraiisoonni himan.