in

Hidhaa qaamoleen nageenyaa hiriirtotarratti raawwachaa jiran duuba nun deebisuu jedhan barattoonni. – OMN

[ad_1]

Hidhaa qaamoleen nageenyaa hiriirtotarratti raawwachaa jiran duuba nun deebisuu jedhan barattoonni.

 

Bakkeewwan hiriirri mormii geggeeffamaa jiru muraasatti, humnoonni mootummaa dargaggootaafi barattoota hidhaa jiraachuu maddeen OMN-tti himaniiru.

Oromiyaa keessatti, Poolisiifi qaamoleen nageenya mooraa Yuunvarsiitii seenuun barattoota hiriirarratti hirmaatan butaa jiraachuu OMN odeeffateera.

Hiriira mormii haleellaa hidhattoonni faannoo Oromiyaa keessatti raawwachaa jiran balaaleffatu, Oromiyaa bakka hedduutti adeemsifamaa jira.

Uummatni Oromoo, barattoonni sadarkaa gadiifi Yuunvarsiitii adda addaa sagalee tokkoon haleellaa hidhattootni faannoo Oromiyaa irratti raawwachaa jiran balaaleffachaa jiru.

Bakkeewwan hiriirri mormii ba’amaa jiru muraasattis qaamoleen nageenyaa barattoota hidhuufi hirmaattota hiriiraa doorsisuu hammeessanii jiru jedhu maddeen.

Mooraa Yuunvarsiitii Amboo keessattis barattoonni Oromoo hiriira kanarratti hirmaatan doorsifamaa jiraachuu kan himan maddeen, hanga guyyaa har’aattis barattoota keessaa namoonni muraasni humna poolisii federaalaatiin butamaniiru jedhame.

Ta’us garuu gaafa uummata keenyaaf sagalee ta’uuf murteeffanne, mootummaan gocha kaleessa nurratti raawwachaa ture ammas akka irra deebiin godhu utuma beeknuu ba’uuf murteessinee waan ta’eef, hidhaafi ajjechaarraa sodaa hin qabnuu jedhan barattoonni Yuunvarsiitii Amboo.

Hidhaafi doorsisni uummata keenyaaf sagalee ta’uurraa duubatti nun deebisuu kan jedhan barattoonni, qabsoon Oromoo hanga gaaffiin Oromoo deebii argatuufi Oromoon lafasaarratti kabajamutti itti fufaa jedhan.

Bifuma wal fakkaatuun barattoonni Yuunvarsiitii Miizaan Teeppii erga hiriira guddaa adeemsisanii booda, doorsifamaa jiraachuufi ID card irraa guuramuu himanii, ta’us garuu gochi akka kana ittuu nu jabeessa malee harka nun laachisuu jedhan.

Gochi akka kanaa hiriiricha kallattii jijjiirsisuun, fincila guddaaf kan nu kakaasudha malee, kan duuba nu deebisu mitii kan jedhan barattoonni dhimmicha ilaalchisuun OMN’f yaada kennan.

Jawar Mohammed namoonni siyaasaa garaagaraa hidhaan hiriira barattootaa daheeffatee raawwatamaa jiru dhaabbachuu akka qabuufi  namuu yaadasaa biliisaan akka ibsatu akeekkachiisaniiru.

Jawar Mohammed qabsoon barattootaa akka qaanqee Abidddaati kan jedhe yoo ta’u, battala dhaamsuuf itti bu’aan faca’ee walga’aa jechuun ibse. 

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: More than 30,000 civilians displaced from violence hit East Wollega districts endure dire humanitarian crisis

News Analysis: Civilians subjected to “grave violation of human rights” in clashes, attacks by armed groups, gov’t security forces operating in Oromia – EHRC