Hayyoonni fi ogeeyyiin Oromoo kutaalee Addunyaa garagaraa keessa jiraatan Sinodoosii haaraa hundeeffame kan deeggaran ta’uu ibsan.
Hayyoonni fi ogeeyyiin Oromoo kan Ameerikaa Kaabaa, Eeshiyaa fi Afrikaa keessa jiran hundeeffamuu sinodoosii haaraa miira gammachuutiin simachuu ibsani jiru.
Hayyoonni kunniin ibsaa isaanii kanaan ummanni Itoophiyaa kan nagaya jaalatu, hordoftoonni Amantaa hundaa, Abbootiin Amantii, dhuunfatummaa fi olaantummaa murni mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa maadheffatee ture saboota biyyatti irratti taasisu akka dhaabu dhiibbaa taasisuu qabu jechuun gaafate.
Hawaasni Idil-addunyaa uammata Oromoo fi saboota biyyattii mirga amantii isaanii bilisaan geggeefachuuf tattafataa jiran cinaa akka dhaabbatanis hayyoonni fi ogeeyyiin Oromoo gafatani jiru.
Saboonni biyyattii kan nagaa jaalatanii fi hawaasni idil-addunyaa qabsoo saboonni biyyatti cunqursaa murna mana amantaa ortoodoksii tawaahidoo keessa maadheffate jalaa bilisa bahuuf taasisaa fi afaan ofiitiin amantii isaanii lallabuuf taasisaa jiran jidduu akka hin seenne akeekachiisu qabu jechuun gaafatee jira.
Abbootiin amantaa haaraa muudaman deeggarsa ummata bal’aa kan qaban ta’uu eeruun, gama isaaniitiinis deeggarsa akka taasisan ibsani jiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings