in

Hawaasni Oromoo biyya Saa’ud Arabiyaa magaalaa Riyaad haleellaa gareen faannoofi milishaa Amaaraa humna waloo ximmir xoor jedhamuu wajjiin ta’uun ummata Oromoo irratti banan balaaleffate.


Hawaasni Oromoo biyya Saa’ud Arabiyaa magaalaa Riyaad haleellaa gareen faannoofi milishaa Amaaraa  humna waloo ximmir xoor jedhamuu wajjiin ta’uun ummata Oromoo irratti banan balaaleffate.

 

Ibsa balaaleffannaa baasan kana keessatti roorroon kallattii hundaan Oromiyaatti banamtee jirtu akka xumura argattu ibsuun ummata Oromoo sarbamni mirga namoomaa irratti raawwatamaa jiru tumsuufi akka qaban hubachiisaniiru.

Hawaasichi marii guyyaa kaleessaa jechuunis Muddee 9 bara 2022 taasiseen haala waliigala yeroo ammaa Oromoofi Oromiyaan keessa jirtu ilaalchisuun ibsa abbaa qabxii torbaa baafatee jira.

Qabxiin torban isaan ibsa kana keessatti qabatan ajjeechaan ummata Oromoo irraa haadhaabbattuu, daangaan Oromiyaa bakkoota garaagaraan  saamtotaan weeraramaa jiru haa kabajamu, Oromoon qe’eef qabeenya isaa irra haa jiraatu kan jedhu faa dha.

Kana malees mootummaan biyya bulchaa jiru saffisaan faannoo Oromiyaadhaa akka baasuu fi haleellaa diroonii uummata nagaa irratti raawwataa jiru akka dhaabu gaafatniiru.

Dhalattoonni Oromoo caasaa nageenyaa mootummaa keessa jiran immoo uummata isaanii cinaa akka dhaabbatan hawaasni Oromoo magaalaa Riyaad gaafatee jira.

Hawaasni Oromoo magaalaa Riyaad  ilmaan Oromoo haleellaa humnoota faannootiin qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’anii dararamaa jiran diinagdeen gargaaruuf waadaa galaniiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

A case for government of national unity – Ethio Observer

Rebel Oromo Liberation Front kidnaps at least 10 ethnic Amhara students – Mereja