in

Hawaasni Oromoo biyya Noorweey magaalaa Osloo fi naannawa ishee jiraatu ajjeechaa xiyyaara nam-maleessaa fi waraana lafootin Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru balaaleffate.

[ad_1]

Hawaasni Oromoo biyya Noorweey magaalaa Osloo fi naannawa ishee jiraatu ajjeechaa xiyyaara nam-maleessaa fi waraana lafootin Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru balaaleffate.

 

Haala Oromiyaan waytii ammaa keessatti argamtu kan ibsu akkasumas yaada furmaataa ta’uu malu kan of keessaatti qabate xalayaa hawaasa Oromoo Oslootiin qophaa’e paarlamaa fi waajjira ministeera haajaa alaa Noorweeyitti galchaniiru.

Rakkoon siyaasaa fi haalli ulfataaan amma biyyattii mudaataa jiru, akkasuma waraanni Oromiyaa keessatti deemaa jiru karaa marii nagaa qofaan furmaata argataa jedhan hirmaattonni hiriiraa biyya Noorweey magaalaa Osloo fi naannawa ishee jiraatan.

Hawaasni Oromoo magaalaa Osloo fi naannawa ishee jiraatu hiriira balaaleffannaa guyyaa kaleessaa ba’een ajjeechaa diroonii fi gareen Faannoo deeggarsa mootummaatiin ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiru cimsanii balaaleffataniiru.

Lolli cimaan Oromiyaa keessatti deemaa jiru akka dhaabbatu mootummoota addunyaafis yaamicha taasisaniiru.

Hiriira kanarratti dhaadannoowwan adda addaa dhageessifamaniiru.

Ajjeechaan lammiilee nagaa furmaata fiduu hindanda’u, haleellaan diroonii saba Oromoo irratti raawwatamaa jiru dhaabbachuu qaba,

Abiy Ahmad Uummata Oromoo bakka hin bu’u, mootummooti idila addunyaa akka mootuummaan Itoophiyaa waltajjii marii nagayaaf karra saaqu dirqamsiisuu qabu kanneen jedhan isaan ijoodha.

Dhaadannooleen kunis kan dhageessiffaman parlaamaa mootummaa Noorweey fuulduratti tahuu koreen qindeessituu hiriirichaa himaniiru.

Itti fufuudhaanis waajjira ministeera haajaa alaa Noorweey duratti dhaamsa isaanii dabarfachuu dabalatee haala Oromiyaan waytii ammaa keessatti argamtu akkasumas yaada furmaataa ta’uu malu kan of keessatti qabate xalayaa hawaasa Oromoo Oslootiin qophaa’e parlaamaa fi waajjira ministeera haajaa alaa Noorweeyitti galchaniiru.

Parlaamaa Norweey irraa xalayaa hawaasaa kan fuudhan bakka bu’aa paartii SV Lone Segbø Løvaas yommuu ta’an, Ministeera haajaa alaatti immoo kan bakka buutota hawaasaa simatanii haasofsiisan Elisabeth Schwabe-Hansen dayirektera dhimma gaanfa afrikaa turani.

Angaawotni lamanuu waa’een nagaa biyya Itoophiyaa kan isaan yaaddessu ta’uu eeranii, dhimma kana ilaalchisee hawaasa Oromoo Osloo waliin yeroo bal’aa fudhatanii akka hojjachuu fedhan ibsaniiru.

Bakka buutotni hawaasa Osloos jaarraa 21ffaa keessa nagaan kan bu’uu danda’u maree qofaan waan ta’eef mootummaan Itoophiyaa gadi taa’ee rakkoo jiru mareedhaan fixachuu akka qabu ibsanii, akkuma rakkoo Kaaba Itoophiyaa mareen hiikuuf hojjechaa jiru, rakkoo Oromiyaas mareen fixachuu akka qabu dhaamaniiru. 

Mootumman Itoophiyaa gara maree nagaatti akka dhufuufis mootummaa Noorweey dabalatee hawaasni addunyaa dhiibbaa akka godhuuf waamicha dabarsaniiru.

Hirmaattota hiriiricha keessaa Artist Hayiluu Kitaabaa faan hiriiricharratti argamuun faaruu qabsootiin hawaasa dabaalaniiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Oromo rebel group, special forces massacre hundreds of ethnic Amhara people : Survivors – Mereja

Ethiopian guards massacred scores of Tigrayan prisoners, witnesses say – Ethio Observer