in

Hawaasni Oromoo biyya Nezerlaandis magaalaa ‘The Hague’ fi naannawa isii jiraatu hiriira mormii bayuun ajjeechaa fi sarbama mirga namoomaa kutaalee Oromiyaa garaagaraatti raawwatamaa jiru balaaleffatan.

[ad_1]

Hawaasni Oromoo biyya Nezerlaandis magaalaa ‘The Hague’ fi naannawa isii jiraatu hiriira mormii bayuun ajjeechaa fi sarbama mirga namoomaa kutaalee Oromiyaa garaagaraatti raawwatamaa jiru balaaleffatan.

 

Hiriira kanarratti sirni bulchiinsa Abiyyii Ahmad humna qilleensaa fi waraana lafootin uummata Oromoo duguugaa jira kan jedhan hirmaattonni hiriirichaa kun hatattamaan dhaabbachuu akka qabu gaafataniiru.

Gama biraatin gareen maqaa Faannoo jedhuun of waamu ajjeechaa suukanneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiru dhaabuu qaba, daangan Oromiyaa kabajamuu qaba, Faannoon Oromiyaadhaa bahuu qaba, dhaadannoolen jedhan dhageessifamaniiru.

Qindeessitoonni hiriirichaa mootummaan Nezerlaandis mootummoota addunyaa wajjiin tahuun mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa akka taasisuuf miseensota paarlaamaa biyyattii dubbisuun xalayaa akka galchaniif himaniiru.

 

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Oromia police detain Ethiopian tallest man Negewo Jima for a week, fail to bring him to court of law

Hawaasni Oromoo Noorweey magaalota Oslo fi Bergen hiriira mormii bahan. – OMN