Hawaasni Oromoo biyya Kanaadaa magaalaa Kaalgaarii jiraatu ajjeechaa jumlaa humnoonni Amaaraa Faannoon uummata Oromoo irratti raawwataa jiran balaaleffatan.
Uummata Oromo nagaan hoji idileesaa hojjetatu fi jireenyasaa geggeeffatutti waraana banuun namoota naga hedduu ajjeesanii kaan irratti ammoo mana jireenyaa gubuun qe’ee isaarraa buqqisuun itti fufeera kan jedhan hawaasni Oromoo biyya Kaanaadaa magaalaa Kaalgaarii, kun hatattamaan dhaabbachuu akka qabu hubachiisaniiru ibsa baasaniin.
Ajjeechaa fi buqqaatii deemaa jiru mootummaan maal na dhibdeedhaan ilaaluu filachuun humnoota faannoo jedhee of waamu kanaaf golga ta’uusaatiis jedhaniiru.
Dhaabbileen siyaasaa maqaa Oromoon ijaaramanii jiran, miidiyaaleen Oromoo hundeeffaman hunduu dhimma kanaaf xiyyeefannoo kennuun jabeessanii akka irratti hojjetan hawaasni Oromoo Kaalgaarii waamicha taasisaniiru.
Hawaasa haleellaa kanaan qe’eesaarraa buqqa’eef deeggarsa namoomaa taasisuuf qophii ta’uus ibsa baasaniin beeksisaniiru.
Hawaasni Oromoo alaa fi keessaa tokkummaan waliin dhaabbatee diina isa ka’ee ofirraa ittisuu akka qabu waamicha godhaniiru.
Ajjeechaa jumlaa fi sarbama mirga namoomaa Oromoo irratti raawwatamu addunyaan akka hubattu dhiibbaaleen barbaachisan hunduu taasifamuu akka qaban dhaamaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings