[ad_1]
Hawaasni Oromoo biyya Kaanaadaa magaalaa Toroontoo fi naannooshee yakka bulchiinsi Abiy Ahimad Ummata Oromoo irratti raawwataa jiru cimsanii balaaleffatan.
Magaalota Toroontoo, Kichiner fi kanneen biroorraa hiriira Toroontootti qophaa’e kana irratti kanneen argaman ajjeechaa, hidhaa fi dararaa guyyaa guyyaan ilmaan Oromoo mudataa jiru balaaleffachuun, gochi duguuggaa sanyii ummaticha irratti raawwatamaa jiru akka dhaabbatuuf gaafataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa gam-tokkoon waraana ofiisaa hanga diroonii waraanaatti bobbaasuun ummata Oromoo qe’eesaatti fixaa jira, gama biroon gareelee bifa al idileen ijaaraman kan akka Milishaa Faannoo Amaaraa ummaticha duguugsisaaa jira kan jedha hirmaattonni hiriira kana, yakkoonni waraanaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiran hatattamaan dhaabbachuu akka qabuuf gaafataniiru.
Ummata beelaan dararamaa jiruufis xiyyeeffannootu barbaachisa jedhan.
Bulchiinsi Abiy Ahimad yakkamaadha, Ummata keenya dhumeef haqa barbaanna kan jedhan hirmaattonni hiriira kanaa, Addunyaan yakkoota Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiran gurra dhowwachuun rakkoo kana hammeesseera jedhu.
Rakkoo Oromiyaa keessa jiru dagatanii, Itoophiyaa nagaa gochuun kan hin danda’amne tahuu hubachiisuun, haala Oromiyaan keessa jirtuuf xiyyeeffannoon malu akka kennamu gaafataniiru.
Addunyaan dhimma Oromiyaaf xiyyeeffannoo malu akka laattuuf falmachuun, Ummata keenyaaf sagalee tahuun gahee keenyaajedhan.
Dhalattoonni Oromoo guutuu addunyaa irratti argaman miira tokkoon yakkoota namoomaa fi waraanaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiran dura akka dhaabbataniifis gaafataniiru.
Itoophiyaatti nagaa buusuuf rakkoo Oromiyaa keessatti Ummata mudachaa jiruuf xiyyeeffannoo kennuun murteessaadha, Rakkoo Oromiyaa keessa jiru dagatanii Itoophiyaatti nagaa buufna jechuun waan hin danda’amnedha jechuun hubachiisan.
Haala amma jiruun biyyattii gara tasgabbiitti geessuun hin danda’amu, naannichatti tasgabbii uumuun kan barbaadamu taanaan Waraanni Oromiyaa keessatti deemaa jiru dhaabbachuu qaba jedhan.
Ummata beelaan dararamaa jiruufis xiyyeeffannoon malu kennamee, birmannaan barbaachisu akka taasifamuufis sagalee isaanii dhageessisaniiru.
Haleellaa Diroonii dabalatee yakkoota waraanaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiran hatattamaan dhaabsisuu fi Ummanni balaa jala jiru xiyyeeffannoo malu akka argatu gochuuf hawaasni Oromoo guutuu addunyaa keessa jiraatu tokkummaan bahuun ummatasaa qe’ee ofiitti dhumaa jiruuf tokkummaan sagalee tahuun akka barbaachisus dhaamameera.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings