in

Hawaasni Oromoo Biyya Kaanaadaa Magaalaa Kaalgaarii rakkoo biyya keessatti Ummata Oromoo mudate irratti mari’achuuf marii hawaasaa qopheessan.

[ad_1]

Hawaasni Oromoo Biyya Kaanaadaa Magaalaa Kaalgaarii rakkoo biyya keessatti Ummata Oromoo mudate irratti mari’achuuf marii hawaasaa qopheessan.

 

Marii Sanbata borii taa’amu kana irratti tokkummaa Oromoo ormi diiguuf tattaafatu haala jabeessuun danda’amu irrattis kan mari’atamu tahuu Gaafatamaan Hawaasa Oromoo magaalaa Kaalgaarii Obbo Roobeeraa Ofga’aa himaniiru.

Marii geggeeffamu kana irratti dhimma Ummata keenya bifa garaagaraan haleellaan irratti raawwatamaa jiruu, birmannaa Ummata kanaaf taasifamuu qabuu fi akkaataa Tokkummaa Oromoo jabeessuun danda’amu irratti mari’anna jedhan Obbo Roobeeraa Ofga’aa. 

Haalonni biyya keessatti Ummata keenya mudataa jiran yeroo hamaa fi ulfaataa keessa jiraachuu keenya mul’isa jedhu bakka bu’aan hawaasa Oromoo magaalaa Kaalgaarii kun. 

Ummanni keenya nageenya isaatiif qaama wabii isaaf dhaabbatu dhabeera jedhu. 

Ummata keenya haala jiruu ulfaataa keessatti haalota dabalataan isa mudataniin dararaa hamaa keessatti kufee jiruuf yeroon aantummaa keenya mul’ifnu ammadha jedhan. 

Hawaasni diyaaspooraa gurmaa’ee gahee gama hojiilee Advokasii fi diinagdeen tumsuutiin isarraa jiru akka bahuufis gaafataniiru.

Dhimma Ummata Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaatti Garee Milishaa Faannootiin duguugamaa fi buqqaafamaa jiruu irrattis yaada kan kennan  Obbo Roobeeraan, gochi raawwatamaa jiru kan Oromoon marti irratti dammaquu qabu tahuu hubachiisuun, qaamni egereen hawaasichaa isa yaaddessu kamiyyuu sochii hawaasni naannoo yeroo ammaa of ittisuuf taasisaa jiru akka tumsuufis waamicha dhiheessaniiru.

Marii Sanbata borii geggeeffamu kana irratti Ummata haleellaa garee Milishaa Faannoof saaxilamee, qe’ee isaarraa buqqaafamuun dirreerra faca’ee jiru akkaataa dhaqqabuun danda’amu irrattis kan mari’atamu tahuun beekameera.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Southern region puts Gurage zone under indefinite command post after protests over statehood demands

President Sahlework Launches Int’l White Ribbon Day Campaign –