in

Hawaasni Oromoo biyya Firaansi ajjeechaa Oromoo irratti mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Faannootiin raawwatamaa jiru hiriira bahuun balaaleefatan.

[ad_1]

Hawaasni Oromoo biyya Firaansi ajjeechaa Oromoo irratti mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Faannootiin raawwatamaa jiru hiriira bahuun balaaleefatan.

 

Ajjeechaa fi dhiittaa mirga namoomaa ummata Oromoo irratti sirna Itoophiyaa bulchaa jiruun raawwatamaa jiru balaaleefachuu fi hawaasa idil-addunyaa beeksisuu kan kaayyeefate hiriirri hawaasa Oromoo biyya Firaansi, yakkoonni lammiilee nagayaa irratti raawwatamu akka dhaabbatu gaafatani jiru.

Mootummaan Firansi bulchiinsa Abiy Ahmad deeggaruu haa dhaabu, ajjeechaan Oromoo irraa haa dhaabbatu, hidhaan haa dhaabbatu, buqqaatiin haa dhaabbatu, haleellaan faannoo haa dhaabbatu dhaadannoowwan jedhaman hiriira kana irratti dhageesisiifamani jiru.

Ummanni Oromoo kutaalee addunyaa garagaraa irra jiraatu yakkoota namoomaa fi waraanaa laammilee nagayaa irratti mootummaa fi hidhattoota Faannoo Amaaraatiin raawwatamu hiriira bahuun balaaleefachuu irratti argamu.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

GERD Must be considered as Symbol of Regional Economic Integration: Expert – Satenaw: Ethiopian News

GERD Must be considered as Symbol of Regional Economic Integration