Hawaasni Oromoo biyya Ameerikaa magaalaa Washington DC fi naannoo isii jiraatan Ilmaan Oromoo haleellaa xiyyaara nam-maleessa (Dirooniin) duguugaman yaadachuuf sirna duungoo ibsuu raawwatan.
Sirni yaadannoo kunis masaraa mootummaa Ameerikaa White House fuulduratti bakka hirmaattonni danuun argamanitti raawwatameera.
Halleellaa Diroonii Shawaa Lixaa aanaalee Cobii fi Meettaa Walqixxetti, Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee fi Wallagga Bahaa aanaa Nuunnuu Qumbaatti bulchiinsa biltsiiginnaan raawwatame cimsanii balaaleffataniiru.
Sirna Duungoo qabsiisuu kanarratti qeerroo, qarree, abbootii amantaa, haawwota, manguddoonni fi kutaaleen hawaasaa biroon argamaniiru.
Hirmaattonni sirna Duungoo qabsiisuu kanarratti argaman yaada kennaniin uummanni Oromoo biyya keessaa fi alaa badii mootummaadhaan irra gahaa jiru callisee ilaaluu hin qabu jedhaniiru.
Uummanni biyya keessaa tokkummaan roorroo qolachuuf socho’uu akka qabu eeranii, warri biyya ala jiraatu immoo waan uummata Oromoo irra gahaa jiru hawaasa addunyaatti beeksisuu irraa jalqabee gumaacha irraa eeggamu taasisuu akka qabu dhaamaniiru.
Namoota haleellaa kanaan jumlaan ajjeefamaniif kadhannaan taasifameera.
Kibxata dhufuttis hiriirri mormii guddaan Waashingtan DCtti waamamuu koreen qindeessituu beeksiseera.
Hiriira kanarrattis hawaasni baay’inaan akka hirmaatu waamicha taasisaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings