in

Hawaasni Oromoo biyya Ameerikaa magaalaa Minisootaa dhimma hundeeffamuu Sinodoosii haaraa fi tokkummaa ummata Oromoo amantaa fi siyaas-diinagdeen cimsuu irratti marii bal’aa gaggeesse.


Hawaasni Oromoo biyya Ameerikaa magaalaa Minisootaa dhimma hundeeffamuu Sinodoosii haaraa fi tokkummaa ummata Oromoo amantaa fi siyaas-diinagdeen cimsuu irratti marii bal’aa gaggeesse.

 

Sagantaan marii kanaa kan qophaa’e mana amantaa Ortodooksii Tulluu Raajotaa Minisootaatti yoo ta’u, sagantichi mata duree muudama phaaphaasota Oromiyaa waliin haa kabajnuu kan jedhuudha.

Hordoftoonni amantaa kiristaaanaa, muslimaa fi amantiilee biroo heddu  waliin hirmaachuun dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti mari’ataniiru.

Sagantaa kana irratti hawaasni Oromoo, gaggeessitoonni hawaasa Oromoo magaalaa Minisootaa dureewwan amantaalee garaagaraa, manguddootaa fi dubartoota dabalatee namoonni hedduun argamaniiru.

Abbootiin amantaa garaagaraa waltajjicha eebbaan eegalanii jiru.

Erga waltajjiin eebbaan banamee  booda ergaan Oromoonni afaan ofiitiin waaqa kadhachuuf gahuu kanaan baga agammaddan jedhu dura ta’aa mana amantaa Ortodooksii Tulluu Raajotaa luba ballaxaan darbee jira.

Oromoof Oromiyaan garee afaan tokko amantaa takkafi saboota biroo cunqursan irraa baraaruuf ummanni Oromoo akkuma amma tokkummaan hojjachaa jiru fuula duraafis tokkummaa isaa cimsee waliin hojjachuu akka qabu dhaamaniiru.

Dhimmi yeroo ammaa maqaa amantaatiin garee fiinxaaleyyii garee tokkootiin afarfamaa jiru dhimma Amantaa osoo hintaane dhimma faayidaa dhuunfaaf hojjatamaa jiru akkasuma tokkummaa ummata Oromoo addaa facaasuuf akka ta’e luba ballaxaan himanii, ummanni Oromoo kana sirriitti beekuu akka qabu hubachiisanii jiru.

Itti aansuudhaan itti aanaa dura taa’aa mana amantaa Ortodoksii Tulluu Raajotaa Alamuu Gabaa ergaa baga gammaddanii dabarsaniin gootonni Oromoo qabsoon Oromoo tokkummaan Oromoo sadarkaa har’arra jiru kanaan gahuuf wareegamtan seenaan isin yaadata jedhan.

Kana malees kanneen har’as fayidaa uummataaf qabsaa’aa jiran galateeffatan.

Ummanni Oromoo martuu kallattii kamiinuu tokko tahee rakkoowwan jiraniifi fuula duraafis dhufan waliin ta’ee ofirraa qolachuu akka qabu dhamaniiru.

Ergaan baga gammaddanii, dhaamsi akkasuma rakkoolee ummanni Oromoo dabarsee fi amma itti jiru, haasaaleen tokkummaa Oromoo jabeessan garaagaraa qindeessitootaa fi hoggantoota mana amantichaa akkasuma hawaasa Oromoo Minisootaa amantaalee garagaraa qabaniin waltajjicha irratti darbaniiru.

Muudama phaaphaasotaa ilaalchisee ibsi ejjannoo Mana Kiristaanaa Tulluu Raajotaa hirmaattotaaf dubbifamee jira.

Ummanni Oromoo garaagarummaa amantaa waliif kabajaa  dhimma sabaarratti tokkummaan dhaabbachuu akka qabus dhaamameera.

 

 



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Oromo Global Forum dabalatee dhaabbileen siiviilii fi amantaa 31 Sinodoosii haaraa kan deeggaran ta’uu ibsan. – OMN

ILRI Launches Project to Help Strengthen Livestock Productivity through Climate-Friendly Practices – Satenaw: Ethiopian News