in

Hawaasni Oromoo biyya Ameerikaa magaalaa Chikaagoo ajjeechaa suukkaneessaa Faannoodhaan uummata Oromoo irratyi raawwatame cimsee balaaleffate. – OMN


Hawaasni Oromoo biyya Ameerikaa magaalaa Chikaagoo ajjeechaa suukkaneessaa Faannoodhaan uummata Oromoo irratyi raawwatame cimsee balaaleffate.

 

Hawaasni Oromoo Chikaagoo ibsa baaseen, gareen milishaa Faannoo Seenaa abbooti keenyaa deebifnee haaroomsina jechuun seenaa Harmaa fi Harka muraa Aanoleefi Calanqoo rawwaachuuf ifatti dhaadachaa akka ture hime.

 Akkuma dhaadatetti tibba kana Humni Faannoo kun Wallaggattiis obboloota keenya morma irra kutanii ittiin geeraraa ture jedhe hawaasichi.

Humni Faannoo kun caasaa hedduu baadiyyaa fi magaala qabaatus, caasaa duddubben jiru Humna Addaa Poolisii Amharaa fayyadamuun Daangaa Oromiyaa cabsuun, ummata nagaa, manguddota, dubartoota,  ulfeeyiifi Da’imman haala sukkaneessaa taheen ajjeessun, gubuun, mormaa kutaanii rarraasuun gocha sukkaneessa  daangaa dabre raawwaatani jiru jedhe.

Akka Hawaasa Chikaagotti gocha sukkanneessa Milishaan Faannoon ummata irratti raawwatamaa jiru kana haalaan cimsinee akka balaaleeffatu himee jira.

Motummaan biyyaa bulcha jiru xiyyeefannoo addaa kennun humnoota gocha sukkanneessa kana raawwatan hatattamaan tarkaanfi irratti fudhachu qaba jedhe.

Ummata qa’e isaa irra buqqa’e beelaafi rakkoof saaxilama jiruus hatattamaan deebise akka qubachisu cimsinee gaafanna jedhe.

 Hawaasni Oromoo Chikaago namoota qe’ee isaani irraa buqa’anif akkasumas rakkina hamaa kana keessatti kufaniif sagalee ta’uu fi gargaarsa barbaachisu gochuu irratti akka hojjecha jiru hime.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopian Gotytom, Chebet confirmed for Boston marathon

India, China Troops Clash on Arunachal Pradesh Mountain Border –