Hawaasni Oromoo Biyya Ameerikaa magaalaa Atlanta fi naannooshee hiriira bahuun ajjeechaa Garee Milishaa Faannoo Amaaraa fi Waraana Mootummaatiin Oromiyaa keessatti itti fufiinsaan raawwatamaa jiru balaaleffatan.
Faannoon shororkeessaadha, Faannoon garee saamichaati, hatattamaan Oromiyaa gadi lakkisee bahuu qaba kan jedhan hirmaattonni hiriira kanaa, Ajjeechaan Oromoo, Qe’ee Oromoo weeraruu fi gubuun hatattamaan akka dhaabbatuuf gaafataniiru.
Haleellaa Diroonii bulchiinsi Abiy Ahimad raawwataa jiruun lammiileen nagaa duguugamaa jiru, gochichas cimsinee balaaleffanna jedhan.
Mootummaan Abiy Ahimad yakkamaadha, duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwataa fi raawwachiisaa jira jedhu.
Mootummaan Ameerikaas tahe hawaasni addunyaa yakka bulchiinsa Abiy Ahimad jalatti Uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru kanaaf xiyyeeffannoo malu akka kennu barbaanna, Sirna uummata irratti yakka suukanneessaa raawwataa jiru bifa kamiinuu tumsuu irraa akka of qusattan gaafanna jedhan.
Yakka Ummaticha mudataa jiru mormuun sochii barattoonnii fi Qeerroon Oromoo guutuu Oromiyaatti taasisaa jiraniifis deeggarsa qabaachuu mul’isaniiru.
Hiriirtonni kunniin ajjeechaa uummata Oromoo mudataa jiru balaaleffachuun cinatti, hogganoota dhaabolee siyaasaa Oromoo fi hidhamtooti siyaasaa yeroo dheeraaf hidhaatti ugguramanii, haqa dhabanii jiraniifis sagalee tahaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings