in

Hawaasi Oromoo biyya Awustiraaliyaa Magaalaa Sydney Jiraatan guyyaa har’aa gochaa morma muraa Oromoo fi yakkoota sukkanneessoo Oromoorratti yeroo kanatti humnoota mootummaan bobaaseen raawwatu balaaleffachuun hiriira bahan.

[ad_1]

Hawaasi Oromoo biyya  Awustiraaliyaa Magaalaa Sydney Jiraatan guyyaa har’aa gochaa morma muraa Oromoo fi yakkoota sukkanneessoo Oromoorratti yeroo kanatti humnoota mootummaan bobaaseen raawwatu balaaleffachuun hiriira bahan.

 

Hiriira isaanii kanaan gochaawwan shorororkeessummaa mootummaan Oromiyaa keessatti raawwataman dhaabbachuu akka qaban, bulchiinsi waraanaa Oromiyaa irraa akka ka’uu qabu, Dhiigni dhangala’uun akka dhaabbatu gaafatan.

Humnoonni Faannoo Amaaraa, Loltoonni Eeritiriyaa fi Humni waraanaa Oromiyaatti bobbaafame hundi akka bahu gaafatan.

Humnoonni kunneen gochaa shororkeessummaa uummata Oromoo irratti raawwataa akka jiranis himaniiru.

 

Mootummaan Awsutraaliyaa mootummaa uummata shororkeessu tumsuu akka dhiisus gaafatan. 

Mormii isaaniis paarlaamaa mootummaa naannoo New South Walesitti dhiyeeffataniiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

“Warraaqsa Diinagdee Oromoo” yaada jedhu bu’uura godhachuun waggaa 4 dura kan hundaa’e Waldaa Aksiyoona Geejjibaa Odaa Bus keessatti rakkooleen garaagaraa isaan mudachuu namoonni dhaabbaticha keessa hojjetaa turanii fi hojjetaa jiran OMN-tti himan.

News: Tigray leader blames federal govt for slow implementation of peace agreement, obstructing humanitarian aid