[ad_1]
Hawaasa Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaatti sababa hongeen balaarra bu’ee jiruuf dhalattoonni Oromoo biyya Kaanaadaa magaalaa Edmentan jiraatan gargaarsa midhaan nyaataa taasisan.
Dhalattoonni Arsii magaalaa Edmontan jiraatan birmannaa gaafa 08/11/2022 taasisaniin, Daakuu birrii kuma 300 oliin bitame hawaasa Aanaa Shaallaa waggootaaf sababa hongeen rakkoo jabaa keessa jiruuf qaqqabsiisaniiru.
Hawaasa rakkoo jabaaf saaxilamee jiru kanaaf birmannaan itti fufiinsa qabu kan barbaachisu tahuus dhaaman.
Oromiyaa Godinaalee hedduu keessatti roobni dhabamuun walqabatee hongee jabaa mudateen gaaga’amni hamaan hanga lubbuu namaa gaaga’uutti gahe mudachuun miiliyoonota rakkoo jabaaf saaxiluun ni beekama.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings