in

Harka muraa fi harma muraa dabalatee ajjeechawwan suukanneessoon akkuma kanaan dura Oromoo irratti raawwataman waytii ammaa ammoo morma muraan Oromorratti raawwatame suukanneessaa ta’uu Dhaabbanni Kuraa galaan Idil Addunyaa hime.


Harka muraa fi harma muraa dabalatee ajjeechawwan suukanneessoon akkuma kanaan dura Oromoo irratti raawwataman waytii ammaa ammoo morma muraan Oromorratti raawwatame suukanneessaa ta’uu Dhaabbanni Kuraa galaan Idil Addunyaa hime.

 

Ummanni Oromoo hawaasa guddaa gaafa Afrikaa tahuun beekamaadha kan jedhe Dhaabbanni Kuraa Galaan Idil Addunyaa, hawaasa nagaa fi haqa jaalatu kanatti roorroon hammaachuu hime ibsa baaseen.

Sirni Gadaa sirna dimokraatawaa hangafa addunyaa tahu bira dabree wal qixxummaan dhala namaatiif qabu, heera uumaafi uumamaa dhibeefi dhiibbaa malee sirna wajjiin jiraachisu hawaasa qabuutu cunqurfamaa jiras jedheera. 

Cunqursaa jaarraa oliif Oromorratti raawatamaa turee fi jiru kan qor-qalbii Oromoo cabse kana qolachuuf tokkummaan dura dhaabbachuun barbaachisaa akka ta’es ibseera.

Seenaa keessattii ajjeechaa jumlaa Dirree Boruu kan ummata Oromoo Walloo irratti raawwatame, ajjeechaa jumlaafi harka muraafi harma muraa  Anolee fi Azuulee kan Oromoo Arsii irratti raawwatame, Ajjeechaa jumlaa Jiiysaa kan Bordoddee Oromoo Ituu irratti rawwatamee fi ajjeechaa jumlaa Oromoo Afran Qalloofi Anniyyaa kan Calii Calanqoo Oromoo irratti raawwatame Kuraa Galaan ibsa tibbana baasen yaadachiiseera.

Ajjeechaa Jumlaa fi morma muraan Oromoo godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa irratti raawwatame suukanneessaa tahuu hubachuun uummanni Oromoo walii dirmachuun ofirraa qolachuu akka qabu dhaameera.

Dhaabbileen hawaasummaa Oromoo, dhaabbileen amantaa Oromoo, dhaabbileen siyaasa Oromoo, dhaabbileen Diinagdee Oromoo kamuu Oromummaa qofaan walitti dhufanii rakkoo karaa hundaan Oromootti deemaa jiruuf fala kaahuu dandahuu akka qaban akakeera.

Kuraa Galaan ibsa tibbana baaseen gochi murruqii ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru heera uumaa kan cabse tahuu  ibsuun balaaleffateera.

Ajjeechaa suukanneessaa raawwatame hordofuun miseensota maatii lubbuun hafanii fi qe’erraa buqqa’aniif eegumsi godhamee deegarsi namummaa akka taasifamuuf, humnoonni waraana naannicha madheeffatan akka baafaman, waamicha dhiheesseera.

Hawaasni Oromoo ammoo diina gocha akkanaa isarrati raawwatu callisee wal irratti laaluu osoo taane, tokkummaan miidhamtoota hafan tumsuu fi daangaa Oromiyaa caphe kabajaa itti horuuf gurmaahuu akka qabu dhaameera.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Fed., regional states police commissioners joint emergency meeting discuss use of media, political parties to fuel incitement

Hawaasni Oromoo biyya Kanaadaa magaalaa Kaalgaarii jiraatu ajjeechaa jumlaa humnoonni Amaaraa Faannoon uummata Oromoo irratti raawwataa jiran balaaleffatan.