in

Haleellaan Finxaaleyyii Amaaraafi shororkeessitootni Faannoo Agamsatti raawwataniin hanga ammaatti reeffi ilmaan Oromoo argamee awwaalame shantama caala jedhu jiraattonni.

[ad_1]

Haleellaan Finxaaleyyii Amaaraafi shororkeessitootni Faannoo Agamsatti raawwataniin hanga ammaatti reeffi ilmaan Oromoo argamee awwaalame shantama caala jedhu jiraattonni.

 

Namootni ajjeefaman baay’inaan maanguddootaa fi daa’imman ta’uu kan himan maddeen dargaggoonni muraasnis namoota ajjeefaman gidduu jiraachuu OMN-tti himaniiru.

Lubbuun namoota nagaa shanatamaa olii darbus hanga yoonaa humni mootummaa naannoo Oromiyaas ta’e Federaalaa bakka rakkoon kun uumame gara Agamsaatti akka hin bobbaafamne kan himan maddeen, birmannaa hawaasni ganda Gobbuurraa taasiseen amma tokko reeffa daandiirraa kaasuu dandeenye jedhu.

Dheengadda Kibxata bariirraa eegalee magaalaan Agamsaa abiddaafi rasaasa gidduutti argamti jedhu jiraattonni aanaa Amuruu magaalaa Agamsaarraa OMN’f yaada kennan.

Dargaggoota reeffa namoota haleellichaan ajjeefamanii walitti qabuun awwaalaa jiran gidduutii namni OMN dubbise tokko akka jedhutti, Hagayya 30, 2022 guyyaa gaafa Kibxata barii, haleellaa suukkanneessaa humnoonni shororkeessitoota Faannoo fi finxaaleyyiin Amaaraa magaalittii irratti raawwataniin hanga ammaatti lubbuun namoota shantamaa olii darbeera.

Hawaasni magaalaa Agamsaafi jiratatonni naannooshee baayyinaan kuma afurtamaa olitti tilmaamaman, haleellaa kana dheessuun gara magaalaa Oborraafi aanota ollaatti godaanaanii jiru.

Haleellaa shororkeessitootni Faannoo fi finxaaleyyiin Amaaraa daangaa ce’uun Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruutti raawwatan kana tasgabbeessuuf, qaamni mootummaa birmannaa taasisuu waan dideef, dargaggoonni Oromoo muraasni walitti qabamuun magaalittiif birmatanii, reeffa namoota ajjeefamanii walitti qabuun awwaalaa jiraachuu OMN odeeffateera.

Hanga ammaatti magaalaan Agamsaa hin tasgabbaa’in jiraachuu kan himan maddeen, manneen abiddaan gubaman hedduurraa abiddi akka hin dhaamin jiru ibsanii, waajjiraalee mootummaa caccaban keessaa dookimentoonni adda addaa bittinneeffaman faca’anii jiraachuu dubbatu.

Humni mootummaa naannoo Oromiyaas ta’e Federaalaa lubbuun nama shanatamaa darbus hanga yoonaa gara Agamsaa hin dhufin jiru kan jedhan maddeen, birmannaa hawaasni ganda Gobbuurraa taasiseen amma tokko reeffa daandiirraa kaasuu dandeenyee jirra jedhu.

Ammas taanaan sodaa qabaachuu kan ibsan jiraattonni Magaalaa Agamsaa, humnoonni finxaaleyyii Amaaraafi shororkeessitootni Faannoo ammallee gandoota baadiyyaa aanaa Amuruu 16 guutummaa guutuutti qabatanii jiraachuu ibsan.

Haleellaan suukkanneessa kun raawwatamuusaa booda, magaalittii keessaa jiraattonni waan godaananiif, biyyi ona fakkaattee jirti jedhu maddeen.

Namootni haleellaa finxaaleyyii kanaatiin ajjeefaman baayinni isaanii hammam ta’uu akka danda’uu tilmaamuun ni cima kan jedhu dargaggoota magaalicha keessatti hafanii reeffa namootaa kaasaa jiran gidduudhaa tokko, “anumtuu harka kiyyaan reeffa nama 37 ta’anii kaasee hiriyoota kiyya waliin awwaaleera” jedha.

Hanga ammaatti namootni argamanii awwaalaman shanatamatti kan dhihaatan ta’anis, namni gariin eessa akka jiruufi maalirra akka jiru waan hin beekamneef, baayyinni namoota ajjeefamanii kana jechuun ni cima jedha.

Kaleessas har’as reeffa namoota ajjeefamanii bosona keessaa arginee awwaalleerra kan jedhu maddi keenya kun, birmannaa mootummaa naannoo Oromiyaa dhabuun keenya, hedduu nu mufachiiseera jedha.

Kan nu ajjeese lammii biyya biraarraa dhufe miti kan jedhu namni kun, finxaaleyyii amaaraafi shororkeessitoota Faannoo mootummaan naannoo Amaaraa baballifannaa lafaaf garanatti bobbaase ta’uu hunduu waan beekuuf, dhimmi kun kallattumaan mootummaa naannoo Oromiyaa ilaallata ture jechuun miirasaa ibsa.

Aanaa Amuruutiin alatti, aanaan Jaartee Jaardagaa, Kiiramuufi Jimmaa Gannatiillee aanaalee qiyyaafannaa Finxaaleyyii Amaaraa kana keessa jiran ta’uu kan ibsan maddeen, yeroo ammaa kanatti humnoonni Shororkeessitoota Faannoo fi finxaaleyyii Amaaraa gandoota magaalaa Agamsaa marsanii buufatanii jiran alaabaa mootummaa naannoo Amaraa dhaabbatanii waan jiraniif sodaa qabna jedhu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’e, federaalaa akkasumas dhaabbileen mirga namoomaa Itoophiyaa duguuggaa sanyii isaan irratti raawwatame kana callisaan ilaaluun hedduu isaan gaddisiisuu kan himan maddeen kun, hanga ammaatti qaamni dhimma kana tasgabbeessuuf garas bobba’e akka hin jirre dubbatu.

Miidiyaaleen mootummaafi waajjiraaleen dhimmi kun isaan ilaallatu hanga ammaatti waan jedhan hin qaban.

Inumaawuu abbaan taayitaa sabaa-himaalee Itoophiyaa xalayaa Televiiznii FiB-tiif barreesseen, gabaasni aanaa Amuruu ilaalchisee gabaafame gabaasa hin qulqullaa’iniifi sabaafi saba walitti buusudha jechuun, duguuggaa sanyii uummata Oromoorratti raawwatamaa jiru kana miidiyaalee gabaasan akeekkachiisee jira.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ambassador Teshome Toga Briefs Chinese Media on Current issues in Ethiopia –

The insurance giant, Ethiopian Insurance Corporation, registers gigantic performance