in

Haleellaa suukkaneessaa Finxaaleyyiin Amaaraa fi shororkeessitoonni Faannoo magaalaa Agamsaatti raawwataniin maqaan namoota ajjeefamanii 64 ifoome.


Haleellaa suukkaneessaa Finxaaleyyiin Amaaraa fi shororkeessitoonni Faannoo magaalaa Agamsaatti raawwataniin maqaan namoota ajjeefamanii 64 ifoome.

 

Sababa haleellaa shororkeessitootni Faannoo Agamsatti raawwataniin, namoonni qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaafaman immoo Soorataafi waldhaansa ga’aa dhabuudhaan rakkachaa jirra jedhan.

Qonnaan bultootni Oromoo aanaa Amuruu magaalaa Agamsaarraa haleellaa shororkeessitoota Faannoo fi finxaaleyyii Amaaraatiin buqqaafamanii, magaalaa Oborraa qubsiifamanii jiran yeroo ammaa kana bakka qubannaa dabalatee waan nyaataniifi waldhaansa ga’aa dhabuudhaan miidhamaa jiraachuu OMN-tti himan.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu magaalaa Agamsaatti finxaaleyyiin Amaaraa fi shororkeessitoonni Faannoo meeshaa waraanaa ammayyaa hidhatan konkolaataa loltummaan socho’an haleellaa guyyaa sadiin dura lafa barii irraa jalqabuun namoota nagaa irratti bananiin lubbuun namoota nagaa 100 caalaan darbuu jiraattonni himu.

Qulqulloota mana isaanii keessa nagaan taa’aa jirantu dhumee jedhu jiraattonni.

Namoota ajjeefaman keessaa kan namoota 64 ifoomeeti jira.

Daa’ima ganna 5 hanga maanguddoo ganna 97tu warra ajjeefaman keessatti argama.

Gariin rasaasaan tumamee, gariin immoo mana waliin gubamee jedhu jiraattonni.

Warri lubbuun hafe qe’ee ofiitii godaanuuf dirqame.

Haleellaa Hagayya 29, 2022 Jiraattota Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaarratti raawwatame hordofuun, qonnaan bultoonni Oromoo fi daldaltootni magaalaa Agamsaafi naannooshee miseensota maatii isaanii waliin baqaaf saaxilamanii jiru.

Haleellaa kanaan abbootiin warraa kuma kudhanitti tilmaaman qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaafamuu kan ibsame, walumaagalatti namoonni kuma 70-tti tilmaamaman gandoota baadiyyaa Agamsa marsanii jiraniifi magaalaa Agamsaarraa buqqa’uun magaalaa Oborraatti baqatanii jiraachuu ragaan iccitii hojjetaa hawaasummaa Aanaa Amuruurraa raganne ni mullisa.

Bulchiinsi aanaa Amuruufi Godina Horro Guduruu Wallaggaa akkasumas mootummaan naannoo Oromiyaa dhimmi kun akka dhaga’amu waan hin barbaanneef, buqqaatota kanaaf bakka mijataa osoo hin kennin gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif dhiibbaa taasisaa jira jedhu namootni buqqaafamtoota gidduutii dubbisne.

Buqqaatonni kumaatamaan lakka’aman, Manneen amantaafi mana barumsa keessa akkasumas Maayi-baasii aanaa Amuruu keessa qubatanii jiraachuu kan himan maddeen, qaamolee hawaasaan alatti, dhaabbileen miti-mootummaafi miidiyaaleen kamuu akka seenanii isaan hin dubbisneef poolisiitu ramadamee isaan eegaa jira jedhu.

Mootummaan gama isaatiin nyaatas ta’e uffata akkasumaa wantoota barbaachisan kamuu buqqaatota kanaaf qaqqabsiisaa akka hin jirre kan ibsan maddeen, afooshaaleefi dhaabbileen amantaa adda addaa birmannaa taasisuun gargaarsa taasisaa akka jiran dubbatu.

Madoowwan rasaasaafi haleellaa finxaaleyyiirraa hafanii buufata fayyaa aanaa Amuruu keessa jiran lakkoofsaan nama 46 ta’uu kan himan maddeen keenya garasirraa dubbisne, hanga ammaatti sababa yaalaafi waldhaansa ga’a dhabuutiin madoowwan sadii lubbuun darbuu OMN-tti himan.

Kaleessaafi har’a madoowwan waldhaansa ga’aa dhabanii, buufata fayyaa keessatti lubbuun darban jiraachuu kan himan maddeen OMN, Obbo Kabbuulee Tamasgeen namni jedhaman dabareen waldhaanamuu waan isaan qaqqabuu dadhabeef, utuu fayyuuf carraa qabuu lubbuun darban jechuun namni Oborraarraa OMN dubbise himanii jiru.

Buqqaatotn kunneen bakka buufatanii jiranitti rakkoo caaluuf saaxilamaa jiraachuu isaanii himamee, maatiiwwan hedduun bakka qubatanii jiranitti, gadda namoota isaan jalaa wareegamee taa’aa jiraachuu ibsamuun, haa ta’u malee, kaabinoonni mootummaa bakkichatti dhaquun jechoota xinsammuu isaanii miidhan dubbachaa jiru jedhu maddeen OMN garasirraa dubbise.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Sovereignty is A Priority Just Like Peace

Ethiopia’s Permanent Mission to UN Condemns Tedros’ Falsehoods Against Ethiopia | Satenaw: Ethiopian News