[ad_1]
Haleellaa kaleesssa magaalaa Angar Guuteetti raawwatameen firoottan dhuunfaa 8 dhabuu isaanii Preezdaantiin Yunivarsiitii Wallaggaa Doktar Hasan Yusuf barreessan.
Doktar Hasan “Obboleessa hadha warraa koo dabalatee namoonni 8 osoo mana keessattii dahatanii jiranii humna diinaa mana isini irratti cabseen balleessaa tokkoo osoo hin qabaatiin gara-jabinaan ajjeeffaman” jechuun gadda itti dhagahame ibsan.
Uummanni kan yeroo kamuu caalaa balaa hamaa jala jiraachuu irra deddeebiin barreessuu irratti argamu Doktar Hasan.
Uummatni Godinaalee Horroo Guduruu fi Wallaggaa Bahaa aanaalee Jaardagaa Jaartee, Amuruu, Horroo Bulluq, Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa fi Guutoo Giddaarraa sababa rakkoo nageenyaan buqqa’an hanqina rakkoo midhaan nyaataa fi yaalaaf saaxilamee jira kan jedhan Doktar Hasan gargaarsi hatattamaa uummatichaaf akka barbaachisus waamicha gochuu irratti argamu.
Torbee darbee kaasee ammoo lakkoofsi buqqaatoota waan dabaleef, akka dhuunfaattis ta’e akka hawaasaati dirqama lammummaa bahaa ture osoo cimsee itti fufee gaarii ta’a.
Qaamni mootummaa dhimmi ilaallatus keessummaa Waajjirri Buusaa Gonofaa Oromiyaa fi dhaabbileen gargaarsa kan idila-adduunyaas uummata kanaaf birmachuu qaban jedhu Preezdaantiin Yunivarsiitii Wallaggaa.
Warra karaa Tumsa Lammii Yunivarsiitii Wallaggaa gumaachuu barbaadaniif akka’uuntiin baankii banamee jiru fayyadamuu dandeessu jedhan ergaa karaa Miidiyaa hawaasaa dabarsaniin.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings