in

Haleellaa fi saamichi humnoota shororkeessitootaa Amaaraatiin raawwatamu hammaachuun himame. – OMN

[ad_1]

Haleellaa fi saamichi humnoota shororkeessitootaa Amaaraatiin raawwatamu hammaachuun himame.

Godina Horro Guduruu Wallaggaatti jiraattonni aanaa Amuruu ganda Makkannootii OMN dubbise haleellaan humnoota shororkeesaitoota Amaaraatiin hawaasa Oromoo Aanaa Amuruu irratti raawwatamu gaaga’ama hamaa geessisaa jira jedhan.

Guyyaa kaleessaa humnoonni kunniin haleellaa ganda Makkannootti raawwataniin lubbuun daa’immanii darbuu himaniiti jiru.

Barataa kutaa 8ffaa kan ta’e Sanyii Raffisaa Toleeraa fi hiriyoonnis isaa kan biroo bakka loon tiksanitti rasaasaan rukutamuun, Sanyiin battaluma yoo ajjeefamu, loon hawaasaa dirree irra turan martinuu saamamuudha jiraattonni gandichaa kan dubbatan.

Hawaasni ganda Makkannoo sodaa keessa jiraachuu fi humna ittiin qolatu dhabee yaaddoof saaxilameera kan jedhan jiraattonni gandichaa, qaamoleen mootummaas dhimmicha tasgabbeessuuf yoo dhaqan isaanis haleelamanii du’aa waan jiraniif, humna isaanii ol ta’uun sodaataniiru jedhu.

Aanaa Amuruu keessatti hanga ammaa jiraattonni kuma dhibba tokkoo fi kuma digdamii afur ol haleellaa humnoota shororkeessitootaa Amaaraatiif saaxilamuun qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqaafamuu ragaan waajjira sodaa balaa aanaa Amuruu ni agarsiisa.

Godina Horro Guduruu Wallaggaatti haleellaa humnoota shororkeessitootaa Amaaraatiin aanaaleen ja’aa ol rakkoo keessa jiraachuus ragaaleen garasii arganne ni mul’isu.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopia & Arab Countries Have Immense Opportunities to Enhance Cooperation | Satenaw: Ethiopian News

Delegation of EU Ambassadors Based in Brussels Briefed on Developments in Ethiopia | Satenaw: Ethiopian News