in

Haleellaa Diroonii magaalaa Cobii ganda 01tti raawwatameen, yoo xiqqaate lubbuun namoota nagaa 30 olii darbuu jiraattonni OMN-tti himan. – OMN


Haleellaa Diroonii magaalaa Cobii ganda 01tti raawwatameen, yoo xiqqaate lubbuun namoota nagaa 30 olii darbuu jiraattonni OMN-tti himan.

 

Haleellichi Wiixata ganama toora sa’a 5tti raawwatamuu kan himan jiraattonni, magaalicha keessaa bakka lamatu dirooniitiin haleelame jedhu.

Namoonni ajjeefaman irra caalaan isaanii, Amantoota mooraa bataskaana Madaaniyaalem keessa turaniifi jiraattota ganda 01ti jedhu jiraataan  magaalaa Cobii OMN dubbise.

Ji’a kana keessa Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti, haleellaan kan mootummaan hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiru oduu ijoo ta’ee itti fufeera. 

Godina Shawa Lixaa, Shawa Kaabaa, Wallagga Bahaafi Wallagga Lixaatti, qabata Waraana Bilisummaa Oromoo haleeluu jedhuun, haleellaan qilleensarraa hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jira.

Aanota hedduu keessatti haleellaan qilleensarraa marsaa lamaafi sadii oliif raawwatame, lubbuu namoota dhibbootaan lakka’amanii galaafateera. 

Aanaalee haleellaa qilleensarraatiin irra deddeebiin rukutaman keessaa Godina Shawa Lixaatti kan argamtu Aanaan Cobii ishee tokko.

Xumura ji’a Onkoloolessaa gandi baadiyyaa Caffee Hoofuu jedhamtu dirooniitiin haleelamuun lubbuun namoota nagaa jaatamaa olii darbuu gabasuun keenya ni yaadatama. 

Kun ta’ee darbus haleellaan diroonii ittuu hammaachuun, ammas magaalaa teessoo bulchiinsa Aanaa Cobii kan taate, Cobii ganda 01 keessatti haleellaan raawwatamuutu dhagahame. 

Wiixata darbe guyyaa toora sa’a shaniitti taateen kun raawwatamuudha jiraataan magaalaa Cobii kan OMN-tti hime. 

Ganama gaafasii walwaraansi guddaan humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti adeemsifamaa akka ture kan himu jiraataan kun, toora sa’a lamaa booda dhukaasni waan dhaabbateef magaalittiin gara sochii idileetti deebitee turte jedha.

Namoonni hedduun sagalee dhukaasaa dheessuun gara mana amantaa Orthodoxii magaalichaatti dheessaa akka turan ibsuun, yeroo haleellaan diroonii kun rawwaate kan miidhame irra caalaan hawaasa naannoo mana amantichaa turan ta’uu ibsa.

Kan nurratti raawwate kun gocha duguuggaa sanyiin tokkumaa kan jedhu maddi keenya kun, magaalaa Cobii naannoo ganda 01tti haleellaa diroonii kanaan, abbaa, haadhaafi daa’imman bakka tokkotti akka ajjeefaman hima.

Haleellaan diroonii kun magaalaa irratti raawwachuun uummata hidhanno maleeyyiif yaaduu dhabuu agarsiisa jechuun kan dubbatu maddi OMN, yeroo haleellaan sun raawwatetti magaalaa Cobii keessa humni hidhatee mootummaa lolu tokkollee hin turre jechuun komata.

Fedhiin mootummaa maal akka ta’e nuuf hin galle kan jedhu maddi OMN garasirraa dubbise kun, erga haleellaan raawwatee booda hawaasni birmatee namoota ajjeefaman akka hin awwaalleef, poolisii humna addaatu mana manatti nu ittisaa ture jechuun ibsa.

Reeffi namoota ajjeefamanii hanga kaleessa sa’a 5tti guuramaa akka ture ibsuun, ammas taanaan hawaasni gaddaafi sodaa keessatti kufee jira jedha.

Humnoonni hidhatanis ta’e mootummaan nageenya uummataaf dursaa kennuutu irra jira kan jedhu jiraataan magaalichaa, keessumaa mootummaan nageenya lammiilee eeguun dirqamasaa ta’ee osoo jiruu, dabalataan nageenyaa hawaasaaf yaaddoo ta’uunsaa hedduu nu gaddisiiseera jedha jiraataan aanaa Cobii kun.

Haleellaa marsaa 2ffaa Aanaa Cobii, magaalaa Cobii ganda 02tti raawwatameen yoo xiqqaate lubbuun namoota 30 olii darbuufi qabeenyi jiraattotaa manca’uu jiraataan ganda 01 OMN garasirraa dubbise himee jira.

Taatee hawaasa nagaarratti raawwatame kana ilaalchisuun, Bulchaa bulchiinsa aanaa Cobii kan ta’aan Obbo Atoomsaa Hirkoo argachuuf irra deddeebiin bilbillus bilbila nurraa hin kaasne.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News Alert: Journalist Temesgen Desaleng released on 30,000 birr bail

ICRC Test-Flight Arrives in Shire –