Haleellaa Diroonii Godina Wallagga Lixaa Aanaa Boojjii Dirmajjiitti raawwatameen, namoonni mada’anii turan sababa waldhaansa dhabuutiin lubbuunn darbaa jiru jedhame.
Sadaasa 2, 2022 waaree booda haleellaa Diroonii magaalaa Biilaa walakkaatti raawwatameen, namootni 80tti dhihaatan battala lubbuun kan darban yoo ta’aan, ergasii madoowwan hedduun sababa yaala fayyaa dhabuutiin du’aa waan jiraniif lakkoofsi namoota ajjeefamanii daran dabalaa jira jedhu maddeen.
Miseensa maatiisaa dabalatee ganda inni jiraatu keessaa, hanga ammaatti madoowwan sababa yaala fayyaa dhabaniif du’an, lakkoofsaan kudhan qaqqabuu OMN-tti hima jiraataan magaalaa Biilaa ganda 01 irraa dubbisne.
Wiixata waaree booda battala haleellaan diroonii magaalichatti raawwatetti namootni nagaa 80tti dhihaatan magaalaa walakkaatti ajjeefamuu isaanii kan himu maddi keenya kun, namoonni 30 ol miidhaa qaamaaf waan saaxilamaniif gara buufata fayyaafi kiliinikoota dhuunfaatti geeffamanii akka turan hima.
Miidhamtoota kanneen keessaa, kanneen waldhaansi dhaabbata fayyaa olaanaatti isaan barbaachisullee akka turan himuun, ta’us garuu sababa daandiin geejibaa cufamee jiruuf, gara Hospitaala Najjoo ykn Gimbii geessuu akka hin danda’in hima.
Hawaasni birmatee lukaan gara Hospitaala dhihoo Najjootti geessuuf yaadus, haalli daandiirraa kana gochuuf hayyamamaa miti jedha jiraataan magaalaa Biilaa kun.
Sababa yaala ga’aa dhabaniif hanga ammaatti namoonni 10tti dhihaatan kaleessaafi har’atti lubbuun darbuu hime.
Yeroo ammaa kana magaalaa Biilaas ta’u gandoota baadiyyaa aanichaa keessa sochiin daldalaa, geejibaa, barnootaafi hawaasummaan guutummaa guutuutti dhaabbateera jedha namni OMN’f yaada kenne kun.
Daa’imman ol adeemaatotaafi maanguddootatu haleellaa dirooniifi waraana lafoo taasifamaa jiruun ajjeefamaa jira jedhan jiraattonni.
Haleellaan samiirraa mootummaa biyyattiitiin raawwatamaa jiru qaanii guddaadha kan jedhu maddi keenya kun, yoo waraana adeemsisuun dirqama ta’es, magaalaarratti haleellaa xiyyaaraa taasisuun gocha diinummaa waan ta’eef, ni balaaleffanna jechuun dhaaman
Godinichatti haleellaa diroonii tibbana raawwatameen hanga ammaatti namoonni 100tti tilmaaman lubbuun darbuu OMN odeeffateera.
Magaalota Najjoo, Mandii, Biilaa fi kanneen biroorraa tajaajilli ifaa fi Networkii adda citee jiraachuu kan himan jiraattonni, mootummaan gochi suukanneessaan garasitti raawwatame akka ifa hin baaneef ulaa quunnamtii mara cufee jiraachuu himan
GIPHY App Key not set. Please check settings