in

Haati Warraa Jeneral Daraaroo Guyyee humnoota mootummaatiin qabamanii hidhamuu miseensonni maatii himan. – OMN


Haati Warraa Jeneral Daraaroo Guyyee humnoota mootummaatiin qabamanii hidhamuu miseensonni maatii himan.

 

Godinaalee Arsii fi Arsii Lixaa aanaalee garaagaraatti  qabata WBO deeggartu jedhuun hidhaa, dararaa fi ajjeechaan hawaasa nagayaarratti humnoota mootummaatiin raawwatamaa jiru hammaachuu jiraattonni dubbataniiru.

Haati warraa Jeneraal Daraaroo Guyyee godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamannee ganda Xaaxessaa Dadeessaa irraa qabamuun  magaalaa Shaashamannee Ganda 03tti akka hidhaman himu maatin.

Intalti jeneral Daraaroo Guyyeetis erga hidhamtee ji’a tokko guutuuf guyyaan muraasni hafuu odeeffanne.

Bakki General Daraaroo Guyyee itti hidhamanii jiranis Arsii Lixaa magaalaa Adaabbaa ta’uu maatii irraa dhageenye.

Maatiin Daraaroo Guyyee cufti qabata WBO deeggartu, nyaata soortu fi hidhata wajjiin qabduutiin adamfamaa jiraachuu miseensonni maatii himataniiru.

Waytii ammaa kana miseensonni maatii jeneral Daraaroo Guyyee kuun qe’erraa baqatanii, kuun ammoo oyiruu qonna isaanii akka hin qotanne ugguramanii kuun ammoo dhokatanii akka jiran miseensonni maatii OMN dubbise ibsaniiru.

Maatiin jeneral Daraaraa Guyyee humnoota mootummaatiin qabamuun hidhaman kunneen hanga ammaatti mana murtiitti osoo hin dhiyaatin jiraachuus himaniiru.

Godina Arsii  aanaalee Collee, Sirkaa, Heexosaa fi Godina Arsii Lixaa aanaalee  Shaashamannee fi Nansaboo keessatti qabata WBO deeggartu jedhuun hidhaa, dararaa fi ajjeechaan hawaasa nagayaa irratti humnoota mootummaatiin raawwatamaa jiru hammaachuu jiraattonni dubbataniiru.

Godina Arsii aanaa Sirkaatti namoota qabata WBO degarta jedhuun qabaman keessaa dubartiin Saartuu Bakkalchaa jedhamtu tibbana  mana hidhaatii baasanii achi buuteen ishii dhabamuu jiraattonni dubbatan.

Humnoonni waraana mootummaa baal’inaan aanaa Sirkaa keessa qubsiifaman qabata sakattaa WBOtiin hawaasa nagayaa goolaa jiraachuu kan himan jiraattonni, waraana kana kallattii hin taane qabsiisuun kan nu ficcisiisaa jiru dabballoota aanaa Sirkaati jechuun jiraattonni komatu.

Godina Arsii aanaa Heexosaa ganda Sibuu Abaadir jedhamutti immoo guyyaa 2 dura nama maqaan isaa Dirribaa Mitikkuu jedhamu ati deeggaraa WBOti jechuun rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattonni himan.

Dirribaan garuu nama siyaasa irra bilisaa kan nagayaan jireenya mataa ofii qofa geggeeffachaa ture ta’uus  maddeen keenya ibsaniiru.

Waytii ammaa kana magaalaan Sibuu Abaadir humna waraanaan guutamtee jirti kan jedhan jiraattonni reebicha, hidhaa fi dararaa hammaateen Qeerron hedduun magaalaa gadi lakkisee gara baadiyyaatti baqachaa jiraachuutu himame.

Magaalaa Sibuu Abaadir keessatti dargaggoota rifeensa guddifatan arginaan WBO wajjiin hariiroo qabdu jedhuun qabanii hidhu jedhu jiraattonni.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Addis Ababa Welcomes Triumphat Athletes – Ethiopian Business Review | Satenaw: Ethiopian News

News: Four OLF High-ranking Officers Remain Behind Bars contradicting Court Order