Haati warraa Artist Hacaaluu Hundeessaa fi itti gaafatamtuun Faawundeeshinii Hacaaluu Hundeessaa hawaasa Oromoo biyyoota Awuroppaa waliin maryachuuf garasitti imalte.
Aaddee Faantuu Damusee imala ishee kanaan wayita Jarman geessu jiraattotaan simatamtee jirti.
Imala biyyoota Awuroppaa garaagaraatti taasifame kanaan akkaataa faawundeeshinicha cimsuun danda’amuu fi duudhaa Artist Hacaaluu Hundeessaa itti fufsiisuu irratti hawaasa Oromoo waliin ni maryatti jedhameeti jira.
Kana malees sirna dokimeentarii fiilmii seenaa Hacaaluu Hundeessaa ilaalchisee qophaa’ee uummatatti agarsiifamu irratti ni argamti jedhameeti jira.
Imala kanaan Biyyoota Jarmanii, Nezerlaandis fi Noorweeyitti hawaasa waliin ni maryatti, fiilmiin dookimeentariis ni dhihaata.
Sirna kana irratti namoonni bebbeekamoon, artistonni fi keessummoonni biroon heddumminaan ni argamu jedhameetu jira.
GIPHY App Key not set. Please check settings