Haalli nageenyaa addunyaa akkaan hammaachuun ibsame.
Inistiitiyutiin Nageenyaa fi Dinagdee jedhamu gabaasa bara 2022 baaseen haalli nageenyaa addunyaa akkaan hammaachuu ifa taasiseeti jira.
Weerara dhibee Koronaa booddee gaaga’ama dinagdee fi waraanni amma Yuukireenii fi Raashiyaa gidduutti deemaa jiru haala nageenya addunyaa waggoota 15 asitti isa garmalee hammaataa taasiseeti jira jedhe.
Waraanni Yuukireenii fi Raashiyaa gidduutti taasifamaa jiru gaaga’ama guddaa geessisuun gamatti dinagdee addunyaa irraannis dhiibbaa geessisuu gabaasichi eereeti jira.
Gabaasni Inistiitiyutii Nageenyaa fi Dinagdee kun sadarkaa biyyootii haala nageenyaa irratti argaman irratti hundaa’uun tarreesseeti jira.
Biyyoota 163 tarreeffaman keessaa Itoophiyaan sadarkaa 149ffaa qabattee jirti.
Siiriyaa, Yaman fi Afgaanistaan sadarkaa 161ffaa, 162ffaa fi 163ffaa walduraa duubaan qaataniiti jiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings