in

Haalli fayyaa qondaalota ABO mana hidhaa jiranii akkaan hammaachuun dhagahame. – OMN

[ad_1]


Haalli fayyaa qondaalota ABO mana hidhaa jiranii akkaan hammaachuun dhagahame.

 

Maatiin hidhamtootaa akka jedhanitti, qondaalli olaanaa ABO Mikaa’el Booran mana hidhaatti dhukkubaan dararamaa jiru.

Obboo Kennasaa Ayyaanaattis dhukkubni akkaan hammaachuu odeeffanne.

Obboo Kennasaan waan itti hinfooyya’iniif Fiiziyooteeraappii itti fufsiisanii jiraachuu dhageenye.

Waldhaansa barbaachisaa argataa akka hin jirres maddeen eeraniiru.

Qondaalota ABO manni murtii irra deddeebiin bilisaan akka bahan murteessus mootummaan diduun yeroo dheeraaf mana hidhaa keessatti argamu.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Guyyoota sadan darban walitti funfiinsaan gandoota baadiyyaa aanichaa hawaasni keessa jiran irratti haleellaan raawwachuu hojjetaan waajjira dhimma hojjataa fi hawaasummaa aanichaa tokko OMN-tti himee jira.

Gammeessaa fi qabsaawaa Oromoo kan ta’an Obbo Urgeessaa Waaqkenne addunyaa kanarraa du’aan boqatan. – OMN