in

Haalli fayyaa Obbo Gadaa Gabbisaa sadarkaa yaaddessaarra jira jedhame. – OMN

[ad_1]

Haalli fayyaa Obbo Gadaa Gabbisaa sadarkaa yaaddessaarra jira jedhame.

Haalli fayyaa qondaala Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Gadaa Gabbisaa sadarkaa yaaddessaarra jiraachuu maatiin himan.

Maatiin isaanii OMNtti akka himanitti, obbo Gadaa Gabbisaa dhukkuba Tiruu (Hepatitis B) jedhamuun qabamuu isaanii ragaan laaboraatorii mul’iseeti jira.

Qondaalli ABO kun erga hidhamanii waggaa tokkoo ol ta’uu kan himan maatiin, dhibee akka kanaa kana dura isaan iratti arginee hin beeknu jedhan.

Dhukkuba kanaan qabamuu qorannoo laaboraatooriitiin erga mirkanaa’ee booda, hoospitaala ciisanii akka yaalaman ogeessi fayyaa itti himuu ibsan.

Poolisiin garuu kana gochuuf akka dide maatiin obbo Gadaa Gabbisaa kan dubbatan.

Obbo Gadaa Gabbisaa erga gara mana hidhaa Buraayyuu aanaa 3ffaatti deebifamanii dhibeen itti cimee haala yaaddessaa irra jiru jedhame.

Maatiin erga ijaan isaan arganii torban caaluus himameeti jira.

Dhimmi fayyaa qondaalota ABO hidhaa jiranii irra deddeebiin dubbatamaa jira.

Hanga ammaa mootummaan dhimma kanaan komatamu waan jedhe hin qabu.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

The crimes of the TPLF

Egypt in Eritrea, Menace to Border Security