in

Guyyoota sadan darban walitti funfiinsaan gandoota baadiyyaa aanichaa hawaasni keessa jiran irratti haleellaan raawwachuu hojjetaan waajjira dhimma hojjataa fi hawaasummaa aanichaa tokko OMN-tti himee jira.

[ad_1]

Guyyoota sadan darban walitti funfiinsaan gandoota baadiyyaa aanichaa hawaasni keessa jiran irratti haleellaan raawwachuu hojjetaan waajjira dhimma hojjataa fi hawaasummaa aanichaa tokko OMN-tti himee jira.

 

Gandoota baadiyyaa Makkannoo, Siiddaniifi kan biroo keessatti hanga ammaatti namni 8 caalaan ajjeefamuufi qonnaan bultoonni gara Agamsatti baqachaa jiraachuutu himame.

 

Waxabajji 02, 2023 jechuunis lafa kaleessatti bari’u ganda Makkannoo keessatti hidhattoonni faannoo haleellaa raawwataniin lubbuu nama 5 dabarsuu yaadachiisuun dubbiisaa eegala maddi keenya.

 

Namoota Kamisa halkan ajjeefaman keessaa namoonni afur abbaa warraafi haadha warraa maatii adda addaa keessaa akka ta’e ibsuun, manni qonnaan bultoota hedduullee gubachuun qabeenyi isaanii saamamuu hime.

 

Dabalataanis eda galgala gandoota baadiyyaa aanaa Amuruu kan biroo keessattis namoonni adda addaa haala wal fakkaataan ajjeefamuu himee, weerarri hidhattoota faannoo kun meeshaa gurguddaafi tarsiimootiin deggeramee bifa haaraatiin eegalamuullee hima.

 

Haleellaa waggoota sadii as hidhattoonni faannoo Godinichatti bananiin hanga ammaa aanaa Amuruu qofatti namoonni dhibba shanii (500) ol akka ajjeefaman ragaan daataa Buusaa Gonofaa aanaa Amuruu ni agarsiisaa jedha maddi OMN kun.

 

Ogeessa hawaasummaa aanichaa ta’uu kan himu maddi keenya, sababa sodaa nageenyaaf maqaa isaa akka dhoksinu nu gaafateera.

 

Akka ogeessi kun jedhutti, sochiin hawaasummaa, qonni, daldalli, barnoonniifi hojiin mootummaa aanicha keessatti erga dhaabbatee waggootni sadii darbuuf adeemu.

 

Lubbuun namoota nagaa dhibba shan ol ta’anii haleellaa hidhattoota faannootiin yoo darbu, beelladoonnii manaa hidhattoota kanaan saamaman kuma digdamatti tilmaamamu. Qabeenyi callaa saamamames akkasuma danuudha jedha maddi keenya.

 

Yeroo dhihoo as mootummaan dhimmicha tasgabbeessuuf yaalii guddaa taasisuusaa sababeeffatee, yeroo muraasaaf tasgabbiin bu’ee akka ture kan himan maddeen, haa ta’u malee haleellaafi weerarri hidhattoota faannoo kun bifa haaraatiin eegalameera jedhu.

 

Hidhattootni faannoo naannoo Amaaraarraa gara Oromiyaatti ce’uun badii ulfaataa qaqqabsiisaa akka jiran himuun, hanga ammaatti mootummaan dhimmicha tasgabeessuuf yaalii taasisuu dhabuunsaa, jaraaf hamilee kenneera jechuun qeequ.

 

Jireenya tasgabbii qabu jiraachuu dhabuun qonnaan bultoota keenyaa hedduu nu yaaddessa kan jedhan maddeen, hawaasni erga qe’eefi qabeenya isaarraa buqqaafamee gargaarsa dhabuun bakka hedduutti dhukkubaafi beelaan miidhamaa jiraachullee himu.

 

Mootummaan siyaasaaf jecha qabata deebisanii dhaabuu jedhuun sosocho’us, namoonni dirqisiifamanii gara qe’ee isaaniitti deebifamaa jiran hedduun bakka deebi’anitti ajjechaa suukkanneessaaf saaxilamaa jiru jedhu maddeen.

 

Komii hawaasaa kana wabeeffachuun hooggantoota aanaa Amuruufi godina Horroo Guduruu dubbisuuf yaaliin nuti goone nuuf hin milkoofne.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Godina Horro Guduruu Wallaggaatti guyyaa kaleessaa konkolaataa uummata fe’uun magaalaa Shaambuutii ba’uun gara Aanaa Jaardagaa Jaartee imalaa turerratti finxaaleyyiin Amaaraa haleellaa raawwachuun lubbuu namootaa balleessuu jiraattonni himan.

Haalli fayyaa qondaalota ABO mana hidhaa jiranii akkaan hammaachuun dhagahame. – OMN