in

Guyyaan yaadannoo Abbootii Gadaa Karrayyuu humnoota mootummaatiin ajjeefamanii sababa rakkoo nageenyaatiin akka hin geggeeffamne taasifamuu Abbaan Gadaa Karrayyuu Jiloo Boruu Hawaas himan.

[ad_1]

Guyyaan yaadannoo Abbootii Gadaa Karrayyuu humnoota mootummaatiin ajjeefamanii sababa rakkoo nageenyaatiin akka hin geggeeffamne taasifamuu Abbaan Gadaa Karrayyuu Jiloo Boruu Hawaas himan.

 

Ajjeechaan suukkanneessaa jila Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadir Hawaas, abbaa muudaa fi miseensota Gadaa Michillee 14 irratti kan raawwatame waggaa har’aa Mudde 1 bara 2021 bakka addaa Mootoma jedhamutti.

Guyyaan abbootiin gadaa Karrayyuu jumlaan ajjeefaman kun waggaa waggaan akka yaadatamu murtaa’e.

Mudde 1, 2021 Karrayyuuf guyyaa rifachiisaa, Oromoof ammoo yadannoo hin irraanfatamne ta’ee darbe.

Waggaa har’aa qilleensi laga Hawaas qilleensa gaddaa qilleensofte. Dhiiga abboota Gadaafi miseensota Gadaa Michilleetu, gammoojjii Hawaas keessatti yakkaan lolaafame. Karrayyuun geggeessitoota Gadaasaa 14 bakka tokkotti dhabe.

Gochi gara jabinaafi maal na dhibdeen guutame kun humnoota mootummaatiin qe’ee Karrayyuurratti raawwachuunsaa ji’oota kudha lama lakkoonsise. 

Har’i yaadannoo seenaa ulfaataa kanaati. Mudde 1, 2022.

Hawaasni Karrayyuu gadda isaanitti seene haxxaarrachuun, gumaa Abboota Gadaa isaanii waaqatti kennanii, jiruu idilee itti fufaniiru.

Ta’us garuu wagga waggaan yeroo mara, abboota Gadaa bakka tokkotti dhumanii, boolla tokkotti awwaalamaniif yaadannoo taasisuuf waada ofiif seenan.

Waadaa isaanii kanas hojiitti hiikuuf, guyyaan har’aa guyyaa yaadannoo jalqabaa akka taatuuf qophii eegaluun isaanii tureera.

Guyyaa kana akka Oromoo guutuutti akka yaadatamee ooluuf hojjechaa jiraachuu kan himan Abbaan gadaa Karrayyuu yeroo ammaa Jiloo Boruu Hawaas, ta’us garuu kan bara kanaa sababa rakkoo nageenyaa naannoo sana mudatee jiruuf utuu hin kabajamin akka hafe himan.

Jiloo Boruu Hawaas akka BBC Afaan Oromootti himanitti, guyyaa isaan ajjeefaman irra saganticha qopheessuuf yaadnee ammas aanaa keenya keessa rakkoo nageenyaa guddaan waan jiruuf guyyicha yeroo hin beekamnetti dabarsinee jirra jedhan.

Sagantaa yaadannoo kanaaf wantoota barbaachisan, Uffata waa’ee isaanii himu, jaarrolee dhimmicharratti dubbataniifi, sagantaa adda addaa qopheessinee turre jedhan.

Akka Obbo Jiloon BBC-tti himanitti, Karrayyu keessatti ammallee nama ajjeesuun hin dhaabbanne, torban muraasa darban namootni nagaa torba naannoo Matahaaraatti ajjeefamaniiru. Ajjeechaa kana kan raawwate ammas humnoota mootummaati.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

PM Abiy Holds Talks with UN Secretary-General Antonio Gutteres –

Commission Calls Diplomats to Promote Ethiopia’s Investment –