[ad_1]
Guyyaan Irreecha bara 2022 dhihaachuu waliin walqabatee mootummaan namoota heddumkinaan hidhaa jiraachuun dhagahame.
Finfinnee fi magaalota godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee kanneen akka Burraayyuu, Sabbataa fi Laga Xaafoo laga Daadhiitti hidhaan sabboontota irratti xiyyeeffate raawwatamaa jiraachuu jiraattonni himaniiru.
Finfinnee dabalatee godina addaa Oromiyaa naannaawaa Finfinnee keessatti hidhaan jabaatee itti fufee jira jedhu jiraattonni.
Guyyaa 2 dura Fulbaana 27, 2022 Finfinnee keessatti dargaggoonni lama Firaa’ol Lammeessaa fi Addunyaa jedhaman humnoota tika mootummaatiin birbirsa Gooroo yookii immoo Piyaassaatti qabamanii achi buuteen isaanii akka dhabame maddeen himan.
Dargaggoonni kunneen badii tokkollee osoo hin qabaatiin sababa isaan dhumaatii hawaasa nagaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee akka Amuruu, Jaardegaa Jaartee fi Horroo Bulluq jiraataniif sagalee ta’an qofaaf humni mootummaa hidhaatti isaan darbee jedhu namoonni itti dhiheenyaan beekan.
Namoonni biroonis heddumminaan hidhamaa jiraachuu kan eeran jiraattonni, ayyaana Irreechaa irratti uummanni heddumminaan akka hin hirmaannes danqaa uumuuf hidhaan hammaachuu hin oolle jedhu jiraattonni.
Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa adda addaatti ilmaan Oromoo danuun humnoota mootummaatiin qabamuun mana hidhaatti guuramaa jiru kan jedhan maddeen kanneen bakka isaan itti hidhaman hin beekamne hedduun jiraachuus Odeeffanneerra.
Hidhaan magaalota naannawa Finfinnee Burraayyuu fi Sabbataattis raawwatamaa jiraachuus odeeffanneerra.
Magaalaa Burraayyuu keessatti hidhaa sabboontota irratti xiyyeeffateetu raawwatamaa jira kan jedhan jiraattonni, hidhaan kun erga eegalamee torban lama caalee jiraachuu himu.
Namoonni magaalota godina Addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee Burrayyuu, Sabbataa fi Laga Xaafoo Laga Daadhiitti hidhaman hedduun mana murtiitti osoo hin dhiyaatin badii malee dararamaa jiraachuus himaniiru.
Qaamni mootummaa seera eegsisu namoota too’ate himata itti banee mana murtitti dhiheessun osoo irra jiraatuu, namoota nagayaa Oromummaa isaaniif qofa kararraa funaane cal’isee mana hidhaatti ugguree rakkisaa jiraachuu dubbatu.
Finfinneen bakka argama enbaasiwwanii fi giddugala dippiloomaatota waan taateef uummanni Oromoo Irreecha Hora Finfinnee irratti mormii kaasee addunyaatti nu saaxila jechuun hirmaattota Irreechaa hir’isaa kan ture mootummaan, bara kanas hirmaattota Irreechaa Hora Finfinnee hir’isuuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee namoota nagayaa duuchaan hidhaa jiraachuutu himama.
Osoo hirmaannaan ayyaana irreechaa ifatti gamtaa Abbootii gadaa fi saglii yaa’a gadaa Tuulamaatiin labsamee jiruu, Irreecha ayyaana guddicha gaafa Afrikaa irraa hirmaattota danquun mootummaa Itiyoophiyaatiif qaanii guddaadha jedhan namoonni yaada kennan.
Kanas ta’ee san uummanni Oromoo ugguraa fi danqaa jiru dandamatee ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee Sanbataa fi Dilbata dhufu kabajamu irratti hirmaachuuf Finfinnee Karra shananiinuu seenaa akka jiru maddeen ibsaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings