Guyyaa kaleessaa Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamtee seenuu waliin walqabatee dhukaasa humnoonni mootummaa bananiin lubbuun namoota nagaa darbe jedhame.
Humnoonni mootummaa haleellaa jumlaan fudhataniin namoonni nagaan hubamanii jedhu jiraattonni.
Sababa du’uu lammiilee nagaatiin hawaasni magaalittii gadda keessa jiraachuufi sochiin hawaasummaas dhaabbatee jiraachuu OMN odeeffateera.
Tibba kana Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalotaafi godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti oppireeshinii addaa taasisaa jira.
Kaleessa ganama toora sa’a 1tti, Kallatti baha magaalaa Naqamteetiin WBO’n magaala seene.
Waraanni Biliisummaa Oromoofi humnoonni mootummaa sa’atii lamaa oliif dhukaasa wal jijjiiraa erga turanii booda, Miseensonni poolisii federaalaafi humni addaa duubatti deebi’uun WBO’n magaalaa seene jechuun jiraataan magaalicha dhimmicha hordofaa ture kaleessa OMN-tti hime.
Humnoonni moutummaa yeroo sana duubatti deebi’aa turan, jiraattota magaalittii daandiirra adeemaa turaniifi gariin ammoo mooraa mana jireenya keessatti haleeluun, lubbuun namoota nagaa galaafataniiru jedhu namoonji ijaan argan.
Rasaasa humnoonni mootummaa dhukaasaniin namoota magaalicha keessatti ajjeefaman keessaa namoota 6 sirriitti akka beeku hima maddi keenya.
Miseensota maatii tokko keessaa obbolaan lamaan Iyyoob Alamaayyoofi Feenet Alamaayyoo jedhaman humnoota mootummaa lola baqatanii dheessaa turaniin, mana isaanii keessatti rukutamanii lubbuun akka darban hima jiraataan magaalaa Naqamtee OMN dubbise.
Namoota ajjeefaman keessatti haati daa’ima baattee mana amantaarraa deebi’aa turte, maanguddoon tokko ganda Qassootti, obbolaan lamaan mana maatii isaanii keessatti ajjeefamuun alatti, namoonni hedduun ammoo rasaasaan rukutamanii Hospitaala seensifamuu himu jiraattonni magaalaa Naqamtee OMN’f yaada kennan.
Namoonni nagaan ajjeefaman walitti dhukaasa gartuulee lameenii gidduutti miti kan ajjeefaman jedhu.
Loltoonni mootummaa akkanumaan dhukaasanii nama ajjeesu, haala kanaan ajjeefamanii jedhu.
Bakkeewwan namoonni nagaa itti ajjeefaman iddoowwan Waraanni Biliisummaa Oromoo hin qaqqabin akka ture kan himan maddeen, bakki Obbolaan lamaan itti ajjeefaman naannoo Buufata fayyaa ta’uu ibsuun, poolisiin humna addaa gara mooraa buufata fayyaatti baqachaa yeroo ture namoota nagaa hedduu rukutuusaa odeeffanne.
Ajjeefamuu namoota nagaan uummanni gadda cimaa keessa jiraachuu jiraattonni OMNtti himan.
Dubbii himaan Waraanichaa Odaa Tarbii akka jedhanitti, kaayyoon opireeshinii magaalaa Naqamtee caasaa nageenyaa fi kaampii waraanaa mootummaa haleeluun barbadeessuu dha jedhan.
WBO tarkaanfii fudhateen hidhamtoota siyaasaa 120 masaraa Kumsaa Morodaatti hidhaman gadhiisisuu Odaa Tarbiin himan.
Mootummaan dhimma kana ilaalchisee hanga oduun kun qindaa’etti waan jedhe hin qabu.
Amma dura yeroowwan garaagaraatti hidhattoota WBO mancaasuu mootummaan irra deddeebiin ibsaa ture.
Haala guyyaa kaleessaa magaalaa Naqamtee keessa ture ilaalchisee bulchaa bulchiinsa Godina Wallagga Bahaa kan ta’an Obbo Waggaarii Nagaraa argachuuf irra deddeebiin bilbillee argachuu hin dandeenye.
Iti aanaa itti gaafatamaa waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa Godina Wallagga Bahaa kan ta’an Obbo Nagaash Waaqjiraa immoo bilbillaaniif, yeroo nuti isaaniif bilbillee sanatti, dhimmuma rakkoo nageenyaa magaalittii mudateef waraana waliin lolarra jiraachuu himanii, odeeffannoo nuuf kennurraa of qusatan.
OMN dhimma namoota nagaa magaalicha keessatti ajjeefamanii ilaalchisee odeeffannoo hanga ammaatti qabuun, lubbuun namoota 11 darbuufi namoonni gariin ammoo madaa’uun Hospitaala seensifamuu isaaniiti.
Sochiin hawaasummaa, daldalliifi geejibni bakkatti akka hin deebine himan jiraattonni.
GIPHY App Key not set. Please check settings