in

Godinaalee Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba Lixaa aanaalee garaagaraatti raayyaan ittisaa, poolisiin Oromiyaa fi humnoonni tikaa hoggantoota caasaa mootummaa kan biroo waliin ta’uun uummata saamaa jiru jedhame.


Godinaalee Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba Lixaa aanaalee garaagaraatti raayyaan ittisaa, poolisiin Oromiyaa fi humnoonni tikaa hoggantoota  caasaa mootummaa kan biroo waliin ta’uun uummata saamaa jiru jedhame.

 

Shawaa Lixaa aanaalee Amboo, Tokkee Kuttaayee, Liiban Jaawwii fi Dirree Incinnii; Shawaa Kibba Lixaatti immoo aanaalee akka Walisoo, Wancii fi Ammayyaa keessatti Qonnaan bultoota qabeenyaan wayyoo qabanii fi abbootii qabeenyaa jalqaba guuranii mooraa waraanaatti hidhu jedhan jiraattonni.

Itti aansee Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu, maallaqaa fi lojistikiidhaan deeggartan jechuun reebichaan dararu kan jedhan jiraattonni, kana booda waajjira poolisiitti  jaarsummaa akka ergatan godhu jedhan. 

Bakka kanaa immoo “Maallaqa hanga kana yoo kaffalte ni baata” akka ittiin jedhan himaniiti jiru.

Akkaataa kanaan aanaalee kanneen keessatti abbootii qabeenyaa fi qonnaan bultoota galii fooyyee qaban birrii kuma 500 hanga miliyoona tokkoo gaafachuun saamaa jiru jedhan maddeen odeeffannoo OMN.

Abbootiin qabeenyaa fi qonnaan bultoonni bifa kanaan raayyaa ittisaa, humnoota tikaa, poolisii Oromiyaa fi dabballeedhaan samaman kunneen immoo akka hin himanne ni doorsifamu jedhan.

Humnoota kanneen malees humni maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo himatu kan Bilxiginnaan ijaaree  bobbaase qonnaan bultootaa fi abbootii qabeenyaa doorsisee saamaa akka jirus maddeen keenya ibsaniiru.

“Mootummaan kun yoo kufe waan itti hirkannu hin qabnu waan ta’eef humna aangoo fi yeroo qabnutti fayyadamnee saamuu qabna” jechuudhaan dabballee fi humnoonni mootummaa duulaan bifa kanaan hawaasa saamaa jiru jedhu  maddeen keenya. 



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopia’s Chief of Staff Extends Congratulatory Message to 95th Anniversary of Chinese PLA –

Op-ed: Beyond National Dialogue: Ending Ethiopia’s civil war needs international engagement