in

Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ajjeechaa humnoonni mootummaa namoota nagaarratti raawwatan akkaan hammaachuu maddeen OMN ibsan. – OMN


Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ajjeechaa humnoonni mootummaa namoota nagaarratti raawwatan akkaan hammaachuu maddeen OMN ibsan.

 

Torbanoota sadii as, Godinaalee Wallagga arfan, Shawa Lixaa fi Shawaa Kibba Lixaa akkasumas Shawa Bahaafi Arsii Bahaa keessatti humnoonni mootummaa namoota nagaa ajjeesuu akkaan hammeessaniiru.

Hagayya 20, 2022 Godina Shawa Kaabaa Salaalee Aanaa Dagamitti waraanni mootummaa, jaarsaa biyyaa kan ta’an maanguddoo umuriin 70tti tilmaamamu, kan maqaan isaanii Obbo Dhufeeraa Addunyaa jedhaman qabata Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda jedhuun, daandiirraa qabamanii rasaasa humnootni mootummaa itti dhukaasaniin akka ajjeefaman maddeen keenya himaniiru.

Akka maddeen OMN ibsanitti, Obbo Dhufeeraa Addunyaa nama tuttuqaa siyaasaa hin qabneefi hawaasa keessa jiraatan gidduutti illee nama kabajaafi jaalala addaa qaban turan.

Guyyaa gaafa ajjeefamanii nagaatiin manaa ba’uufi humnoota mootummaa isaan ajjeesaniin, ani nama siyaasa miti qonnaan bulaadha jedhanii osoo watwaatanii, gara jabinaan galaafatamuu isaaniitu himame.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Wallagga Lixaa aanaa Mana Sibuu ganda Ombosha Yesuus jedhamu keessattis dargaggoota maqaansaanii, Ibsaa Malaakuu, Gurree Oliiqaa jedhaman dabalatee kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane, badii tokko malee mana maatiisaaniitii fuudhamuun, WBO waliin hariiroo qabdu jedhamuun rasaasaan rukutamamii ajjeefamuutu himame.

Dargaggoonni kunniin gariin namoota amantaa ho’isan gariin ammoo barattoota ta’uu kan odeeffate OMN, sabboonummaa isaanii malee, akka jedhame namoota tuttuuqaa siyaasaa ajjechaaf isaan saaxilu qabanillee akka hin taane OMN odeeffateera.

Godina Shawa Kibba Lixaa Aanaa Ammayyaa magaalaa Gindoottis dargaggoo nagaa Tafarraa Mi’eessaa jedhamu mana maatiisaa keessaa fuudhatamuun ija maatii durratti rasaasaan ajjeefamuusaa maddeen garasirraa dubbise himanii jiru.

Dargaggoo Tafarraa Mi’eessaa nama nagaafi hawaasa keessa jiraatu birattillee naamusa qabeessa ta’uun kan beekamu ta’usaa  odeeffanne.

Ji’oota lamaa as humnoonni mootummaa maqaa sakkatta’insa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun Oromiyaa keessatti bobbaafaman, ajjechaa suukkanneessaa hawaasa nagaarratti raawwachuu akkaan hammeessaniiru.

Jiraattonni godinaalee Oromiyaa adda addaa dhimma kana ilaalchisuun dubbisnes, dhaabbileen mirga namooma addaa addaa akka isaaniif birmatu dhaamanii, ajjechaan dhala namaaf hin malleefi gurraafillee hin tolle irra deddeebiin nurratti raawwatamaa jiru kana iji addunyaa arguu qaba jedhaniiru.

Oromiyaa bakka addaa addaatti ajjechaan suukkanneessaa humnoota mootummaatiim namoota nagaarratti raawwatamu hammaatee itti fufuus ragaaleen ni mul’is.

 



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

The Premeditated “Tigray-Genocide” Cyber Warfare against Ethiopia in the Age of Social Media – | Satenaw: Ethiopian News

In-depth Analysis: ‘Historical Decision’ on Addis Abeba, Oromia Special Zone administrative demarcation: Answers to old questions or more questions?