in

Godinaalee Lixa Oromiyaa irraa Ummanni Irreecha baranaa irratti akka hin hirmaanneef humnoonni mootummaa magaalota garaagaraatti sochii hawaasaa ugguruu jiraattonni bakka garaagaraatii dubbifne himan.

[ad_1]

Godinaalee Lixa Oromiyaa irraa Ummanni Irreecha baranaa irratti akka hin hirmaanneef humnoonni mootummaa magaalota garaagaraatti sochii hawaasaa ugguruu jiraattonni bakka garaagaraatii dubbifne himan.

 

“Godinaalee Wallaggaa afuran irraa Ummanni gara giddugala biyyaatti imalee Irreecha irratti akka hin hirmaanneef daangeffameera” kan jedhan jiraattonni magaalota Naqamtee fi Finfinneerraa OMN quunnaman; tibbana Aanaalee Godina Wallagga bahaa 17’f hirmaannaa Irreecha baranaa daangessuun walqabatee qajeelfamni darbee irratti hojjetamaa ture jedhu.

Bu’uura Odeeffannoo hawaasa irraa arganneetiin, Aanaalee Godinichaa hundarraa namoonni muraasni sirni aangoorra jiru barbaadu qofti irreecha baranaa irratti hirmaachuu akka danda’aniif murtaa’ee, isaan filatamaniif xalayaan qophaa’ee, hojiin ummata bal’aa Irreecharraa ugguruu hojjetamaa tureera.

Kana hordofee, sochiin Ummataa Godinaalee lixa Oromiyaarraa gara giddugala biyyaattii taasifamu guutuutti danqamee jiraachuun kan himan maddeen odeeffannoo OMN, namoonni haajaa biroof imalarra turanillee karaatti danqamanii Abboonnii fi Haadholiin osoo hin hafin daandii irratti rakkoolee garaa garaaf saaxilamaa jiru jedhan. Imaltoonni gama lixaa magaalaa Geedoo akka ol hin dabarre, magaalaa Amboo akka hin seennes ittifamaa turuu odeessi jiraattota naannoorra nuqaqqabes ni mirkaneessa.

Humnoonni nageenyaa uummata kana daandiirratti ugguran “maaliif akkas nu gootu” jedhamanii yommuu gaafataman, “Qaamni olaanu konkolaataa mitii nama lafa deemuyyuu hin dabarsiinaa waan jedhaniif nuti haga isaanirraa kallattiin kennamutti hin darbitan” kan jedhu nuuf deebisan jedhu imaltoonni.

Hojiin Ummanni akka Irreecha irratti hin hirmaanneef danquu dursee eegalamuu ibsuun, namoota sabboonummaa qabanii fi duudhaa isaanii kabajan WBO waliin hidhata qabdu jechuun dursanii hidhaatti guuraa turuu himaniiru.

“Adeemsichi gareen aangoorra jiru walitti qabama Oromoo jibbuu fi ija sodaan ilaaluurraa madda, gochi raawwatamaa jiru qaama karoora tokkummaa ummatichaa caccabsuuti” jedhu.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Shawaa Lixaa Aanaalee garaagaraa irraas ummanni Irreecha Finfinnee fi Bishooftuutti borii fi iftaan kabajamu irratti akka hin hirmaanneef danqamaa jiraachuu odeessi garasii nuqaqqabe ni mul’isa.

Aanaalee Godina Shawaa Lixaattis namoota xalayaa Gandarraa barraa’e, Waajjira Aadaa fi Tuurizimiitiin mallattaa’ee fi  Waajjira dhimma Nageenyaatiin irreecha irratti akka hirmaataniif mirkanaa’eef harkaa qabanirraa kan hafe, Ummanni walabummaan bahee Irreecha irratti akka hin argamneef daangeffamee jiraachuu jiraataan magaalaa Ambootii OMN quunnaman ibsaniiru.

Isaan Xalayaa kana harkaa qabanirraan kan hafe, ummanni magaalota Giincii fi Holotaa ol darbuu dhorkameera, Ummata Oromoo jilasaa hawwiin eeggaturraa ittisuun diinummaadha jedhu. Gochichi shira sirnoonni durii Ummata Oromoo eenyummaa isaarraa fageessuu fi duudhaasaa dhabamsiisuuf taasisaa turanirraan addatti kan hin ilaalamne ta’uus himan.

Irreechi duudhaa Ummatichi fedhiisaa qofaan walabummaan bahee kabajatu malee, jila dabballeen mootummaa xalayaan itti wal afeertu tahuu hin qabu kan jedhan maddeen odeeffannoo keenya dhimmicha irratti bakka garaagaraatii dubbifne, Ummanni Oromoo gochoota duudhaasaa dadhabsuu fi adeemsumaan balleessuuf raawwataman akkasii callisaan ilaaluu akka hin qabnes dhaaman.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

US Warns Khartoum over Allowing Russia to build Red Sea Naval Base –

Ethiopia, Somalia Call on UNSC to Lift Somalia Arms Embargo –