Godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaatti beelli uummata dararaa jiru guyyumaan guyyaatti hammaachaa dhufuun sadarkaa yaaddessaarra gahuun ibsame.
Haalli ummanni naannichaa keessa jiru hammaachuu ragaan suuraafi viidiyoo garasii OMN dhaqqabe ni mul’isa.
Ummanni rakkoo beelaatiif saaxilamuun lubbuu namaafi beeladootaa dhabaa jiru kun haalli jiru daran osoo hin hammaanne qaama dhimmi ilaalu irraa dirmannaa akka barbaadan dhaammataa jiru.
Akka jiraattonni OMN’tti himanitti godina Hararagee Bahaa aanaalee gara gammoojjii jiran mara keessatti sababa hongee dheerateen beelli hamaan beeladoota fixee lubbuu namaas gaaga’aa jira.
Aanoota akka Mayyuu Mulluqqee, Malkaa Balloo, Cinaaksan, Gaara Mullataa, Gola Odaa fi kanneen biroo keessatti rakkoon beelaa akkaan hammaataa jiraachuu himanii, aanaa Malkaa Balloo araddoota garaagaraatti haalli akkaan hammaataan uumamuu dubbatan.
Qaamni mootummaa naannichaa ummata beelayeef gargaarsa godhaafii kan hin jirre tahuu jiraattonni himanii, gaafa ummanni beelaan dararamaa jiru lubbuu isaanii baraaruuf ilmaan guurratanii baqachuuf jedhan maqaa keenyaaf gaarii miti jedhanii dhoorkaa jiru jechuun komatu.
Aanaalee heddutti beeladoonni hedduun dhumuu eeraniiru.
Lubbuun namaas gaaga’amaa akka jiru jiraattonni himan.
Ummanni beelaan gidirfamaa jiru kun gargaarsa tokkollee argataa hin jiru kan jedhan jiraattonni, nuuf dirmatamuu qabaa jedhan.
Jiraataan kan biraa ammoo rakkoo isaanitti jirtu ibsuun gaafa abbootiin warraa fi namoonni humna qaban nyaata looniifi midhaan nyaatan barbaacha aanaarraa bahanii deeman daa’immanii fi manguddoonni dadhaban bakka ciisanitti rakkoo hamaaf saaxilamuun ciisanii du’a eeggachaa jiruu jedha.
Namni kunis osoo haalli jiru kanarraa hammaatee lubbuun namootaa baay’ee du’aaf hin saaxilamne ummanni Oromoo, abbootiin qabeenyaa fi qaamni nugargaaruu danda’u martuu nuuf dirmadhaa jechuun yaamicha dhiheessee jiru.
Godina Harargee Lixaa aanaa Hawwii Guddinaa fi Burqaa Dhintuu dabalatee aanaalee muraasa keessattis beelli ummata dararaa jiraachuu odeeffannee jirra.
GIPHY App Key not set. Please check settings