[ad_1]
Godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaatti beelli uummata dararaa akka jiru ibsame.
Aanaaleen yeroo ammaa balaa beelaa kanaan hubamaa jiran Harargee Lixaarraa aanaa Hawwii Guddinaa fi Burqaa Dhintuu yoo ta’an Harargee bahaarraa Malkaa Balloo dabalatee naannawa gammoojjii aanaa Gurawaa, aanaa Mayyuu Mulluqqee, Cinaaksan fi Gola Odaati jedhameera.
Hawaasni Godinaalee lameenii rakkoo Beelaatin dararamaa jiru, Yeroo garaagaratti qaamolee mootummatti iyyatus deebii kan hin argatin tahuu dubbata.
Jiraattonni aanaalee godinaalee kanneenii OMNf yaada kennaniin hongeen dheerachuu fi gargaarsa dhabuun haala hammaataa irra jiraachuu himaniiru.
Godina Harargee Lixaa aanaalee gammoojjii Burqaa Dhintuu fi Hawwii Guddinaatti namni waan nyaatu dhabee balaa beelaa guddaaf saaxilamee jiraachuu dubbatan.
Jireenyii isaanii horsiisa loonii fi qonna irratti kan hundaa’e jiraattonni aanota kanneenii sababa roobni yeroo dheeraaf dhabamuutiin midhaan facaafatan lafatti hafuufi loon isaaniis waan nyaatan dhabuun beelaan dhumuutu himame.
Yeroo amma beelli kun gara namaattì dabruun namoonni baay’een bakka ciisanirraa ka’uu dadhabanii du’a eeggachaa akka jiran jiraattonni ni himu.
Godina Harargee Bahaattis aanaa Malkaa Balloo dabalatee naannawa gammoojjii aanaalee Gurawaa, Mayyuu Mulluqqee fi Gola Odaa keessatti hongeen hammaatte dhumaatii beeyladootaa booda lubbuun namaatis gaaga’ama hammaataa keessa jiraachuu jirattonni OMN dubbise himanii jiru.
Akka jiraattonni naannichaa dubbifne himanitti, dhumaatiin sababa beelaatin Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruu keessatti mudate aanaalee godina Harargee Bahaa kanneen keessattillee mudataa jira.
Sababa kanaan daa’imman dabalatee haadholiin ulfaa sababa beelaatin lubbuun dabarte jiraachuu kan himan Jiraattonni hawaasa durumaanuu rakkoo bishaan dhugaatii qabu balaan hoongee dabalamuun hubaatiif sababa tahee jedhan.
Gammoojjii karaa Cinaaksanittis haalli wal fakkaataan mudachuu fi haleellaa naannawaa daangaatti hidhattoonni daangaa cehanii dhufan raawwatanitti dabalatee beelli gaaga’ama fidaa jiraachuu himan.
Waggoota dura dhaabbileen gargaarsaa ummaticha hanga tokko gargaaranis, yeroo ammaa mootummaas tahee dhaabbileen miti mootummaa miidhaa ummataa kanaaf dhimmamee fala barbaadaa jiru akka hin jirre jiraattonni dubbatu.
Hawaasni godinaalee lameenii rakkoo beelaatin dararamaa jiru yeroo garaagaratti qaamolee mootummatti iyyatus deebii afaanii isin gargaarraa jechuunin alatti gargaarsi taasifameef akka hin jirre himatu.
Aanaalee Akka Hawwii Guddinaa, Burqaa Dhintuu, Cinaaksan, Gurawaa, Gola Odaa, Mayyuu Mulluqqee fi Malkaa Bal’oo keessatti lammiileen beelaan dararamuun hanga gaaga’ama lubbuutti jiran, dirmachuu fi sagalee dhabuun kan isa yaaddesse tahuu jiraattonni himanii, ummanni Oromoo akkasumas qaamni dhimmi ilaallatu kamuu dirmannaa taasisuufii akka qabu dhaaman.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings