in

Godinaalee Arsii fi Arsii Lixaatti qabata deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa jedhuun saamichi ummata irratti raawwatamaa jiraachuu jiraattoonni komatu.


Godinaalee Arsii fi Arsii Lixaatti  qabata deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa jedhuun saamichi ummata irratti raawwatamaa jiraachuu jiraattoonni komatu. 

 

Nama mallaqa gaafatame hin kafalle deeggaraa WBOti jechuun hidhu ykn ammoo ilma isaa dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaa ergu jedhu maddeen odeefannoo OMN. 

Godina Arsii Lixaa aanaalee akka Dodola Shashemannee, Nageellee Arsii, Heeban Arsii, Kofalee fi Bishaan Gurraachaa, Arsii Aanaa Suudee fi kanneen biroo keessatti caasaaleen mootummaa maqaa deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa jedhuun dirqamaan mallaqa ummata irraa sassaabaa jiru. 

Waraana waliinii Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiruuf bajata olaanaa ramaduun waraanicha adeemsisaa kan jiru mootummaan Itoophiyaa ummata biyyattii qaala’insa jireenyaa fi hoongeen rukutame lukkuu hamma lubbuutti Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa jechuun qabeenya ummataa saamaa jira. 

Aanotaa fi magaalota godina Arsii lixaa heddu keessatti, deggersa raayyaa ittisa biyyaaf maqaa jedhuun saamichi nurratti raawwatamaa jira jedha jiraataan magaalaa Dodolaa irraa OMN dubbise. 

Dafqaan bultoota, hojjatoota mootummaa, daldaaltota, qonnaan bultoota, konkolaachiftoota fi qaamoleen hawaasaa hundi Rayyaa Ittisa Biyyatiif Maallaqa, Loon, Midhaan Callaa ykn ilma isaa akka kennu taasifamaa jiru jedha maddi OMN magaalaa Dodolaa irraa dubbise. 

Namoonni sababa qaala’insa jireenyaatiin rakkoo keessatti kufanii dirqama mootummaan ummata irra kaaye kana bahuu dadhaban deeggaraa WBOti jedhamuun hidhamaa jiru jedhu jiraattonni. 

Gandoota baadiyyaa aanaa Dodolaa keessa deemuun nama tokko birrii 1000 hamma 1800 gaafata jiru kan jedhu maddi odeefanno OMN kun, magaalatti ammoo dafqaan bulaa 500 hamma 1000, daldalaa 2000 hamma kuma 10 gaafataa jiraachuu hima. 

 

Konkolaachiftoonni yoo mallaqa gaafataman hin kafalin buufata konkolaataa keessaa akka hin baane taasifamu jedha. 

Konkolaataan meeshaa daldaltotaa Finfinnee irraa fe’ee dhufu magaalota keessa darbu hundatti deeggarsa rayyaa ittisa biyyaatiif jedhamee mallaqa guddaa gaafatama jira, sababa kanaan hojiin daldalaas gufatee ummanni rakkoo keessa jira jedhu jiraattonni. 

Nama mallaqa kana hin kafallee deeggaraa WBOti jechuun hidhu ykn ammoo ilmaan isaa keessaa dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaatti erguun akka jirus maddeen himani jiru. 

Haaluma wal fakkaatuun Arsii aanaa Suudee keessatti maqaa Raayyaa Ittisa Biyyatiin qabeenya ummataa saamaa jiraachuun caasaalee mootummaa itti fufee jira jedhame.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Rights Commission calls for immediate response to dire state of Tigrayan civilians illegally detained in Jarre camp, now transferred to Awash police training camp

Ethiopian Crowned with Two Prestigious Awards at Air Cargo News Awards 2022 | Satenaw: Ethiopian News