[ad_1]
Godina Wallaggaa Lixaa Aanaalee garaagaraatti ajjeechaa fi dararaan waraanni mootummaa lammiilee nagaa irraan gahu yeroodhaa gara yerootti akkaan hammaataa dhufuu jiraattonni OMN’f ibsan.
Aanaalee Najjoo, Boojji Dirmajjii, Boojji Coqorsaa, Gullisoo, Ayira, Ganjii fi Laaloo Assaabiifaa keessatti waraanni mootummaan bobbaasu akkanumaan namoota nagaa irratti ajjeechaa suukanneessaa raawwataa jiraachuu kan himan maddeen odeeffannoo OMN, Kaleessuma Aanaa Boojjii Coqorsaatti dargaggoota hojii idilee isaanii dalagataa turan lama rasaasaan haleeluun, dargaggoon tokko lubbuun darbuu ibsaniiru.
Ummanni nagaan bahee galuu dadhabeera, qe’eesaa gadi lakkisee baqachuufis dirqamaa jira jedhan.
Waggoota sadan afuran darbanitti Oromiyaan ol adeemaa abdii egereeshee ta’an hedduu gocha humnoota gara jabeeyyiin dhabdeetti.
Ajjeechaa guyyaa guyyaan golee Oromiyaa hundarraa dhagahamu kun ammas taanaan jabaatee itti fufeera.
Iddoowwan ajjeechaan suukanneessaan lammiilee nagaa, ol-adeemaa Oromoo irratti bal’inaan raawwatamu keessaammoo Aanaalee Godina Wallagga Lixaa adda durummaan eeramu.
Bu’uura gabaasaalee yeroo yerootti nuqaqqabaniin, Godina kanatti, aanaan gochi kun keessatti hin raawwatamne jira jechuuf nama dhiba.
Yeroo ammaas Aanaalee Najjoo, Boojji Dirmajjii, Boojji Coqorsaa, Gullisoo, Ayira, Ganjii fi Laaloo Assaabiifaatti haleellaan waraana mootummaan bobbaasuun uummata nagaa mudatu itti fufee jiraachuun ragaan maddeen amanamootiin qindaa’ee OMN qaqqabe ni mirkaneessa.
Jiraataan Godinichaa bilbilaan argannee dubbifnes kanuma ragaa bahu.
“Walumaagalatti wanti aanaalee Godina Wallagga Lixaa jala jiran kanneen keessatti ta’aa jiru, ajjeechaa suukanneessaadha. Ijoolleen Oromoo barattee nagaan gara qe’eesheetti deebi’uu hin dandeessu. Waraanni Konkolaattota gurguddoo Ural fi TATA dhaan garanatti fe’amaa jira. WBO gargaartu jechuun Qeerroon du’aa jira. Ummanni buqqa’aa jira. Lola guddaatu deemaa jira, Helikopter’n guyyaa guyyaan numarsa. Yaaddoo hamaa keessa jirra.” jedhan.
Kaleessuma Aanaa Boojjii Coqorsaatti waraanni mootummaa dargaggoota hojii idilee isaaniirra turan lama rasaasaan rukutuu kan ibsan jiraataan aanichaa kun, dargaggoon tokko lubbuun darbuu tokko ammoo hospitaalatti wal’aansarra jiraachuu ibsaniiru.
“Rakkoon kun kan uumame Aanaa Boojji Coqorsaa magaalaa Fiigaarraa gara Gullisootti hojiidhaaf Mootoraan osoo imalaa jiraniiti. Ijoolleen kun badii tokko malee akkanumaan rasaasaan rukutaman. Gadda hamaa keessa jirra. Dargaggoon Guutuu Hayilee jedhamu boqoteera, inni tokko ammoo hospitaala ciiseera” jedhan jiraataan aanichaa kun.
Taateen kun kaleessa naannoo sa’a sagaliitti kan raawwatame ta’uu ibsan.
Yeroo gochi kun raawwatutti lolli tokkollee akka hin turre himuun, mucaan wareegame nama dubbatee waa ibsachuullee rakkatu “Giingee” dha jedhan.
Aanaa Gullisoo bakka Calliyaa jedhamuttis dargaggoonni lama akkanumaan ajjeefamuu odeeffannoon OMN qaqqabe nimul’isa.
Waraana mootummaa gara godinichaatti bobbaafamu, garee Milishaa bifa addaan ijaaramee naannicha keessa socho’uun walta’ee uummata nagaa dararuu itti fufeera.
Humni mootummaa naannicha keessa socho’u qaama waliin lolatti jiru WBO dhiisee maaliif uummata nagaa irratti fuulleffachuun akka barbaachise hibboo nutti ta’eera jedhu jiraattonni godinichaa.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin gocha uummata nagaa irratti fuulleffate kana ilaalchisuun “Oppereeshiniin kun nuyiif miti, ummata nagaa qe’eesaatti fixuuf kan labsamedha jechuunsaa ni yaadatama.
Gochichi qaama Karoora “Qurxummii balleessuuf Galaana gogsuutu barbaachisa jechuun aanga’ooti Biltsiginnaa ifatti dhaadataa turanii ta’uus hubachiiseera.
Dargaggoon Oromoo taa’ee du’a eeggachuu hin qabu, murteeffatee qabsoo bilisummaa Oromootti makamuun, waloon falmatee roorroo ummatasaa mudatetti xumura gochuu qaba jechuun, waamicha dhiyeessuunsaas ni yaadatama.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings