[ad_1]
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Haroo Ayyaanatti gareen of ijaaree hidhate daangaa ce’ee naannoo Amaaraatii dhufuun milishoota Oromiyaa 6 ajjeesuun, 3 madeessun himame.
Humnoonni daangaa ce’anii dhufan kun ajjeechaa suukanneessaa raawwachuun jiraattota kumaatamaan lakkaa’aman qe’erraa buqqasanii jiraachuus odeeffanneerra.
Humnoonni hidhatanii naannoo Amaaraatii dhufan haleellaa irra deddeebiin raawwataniin godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaaggaatti namoota hedduun ajjeesanii, kumaatana immoo qe’ee irraa buqqaasaa turan.
Qabeenya uummataas mancaasuun uumjata rakkoo guddaaf saaxilanii jiru.
Giddaa Ayyaanaatti hidhattoonni naannoo Amaaraatii daangaa ce’anii dhufan Faannoo jedhaman kunneen guyyoora muraasa dura immoo haleellaa raawwataniin milishoota Oromiyaa 6 ajjeesuun, 3 madeessuun dhaga’ameeti jira.
Guyyoota muraasa dura Onkoloolessa 9, 2022 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Haroo Ayyaanatti gareen of ijaaree hidhate daangaa ce’ee dhufe kun haleellaa kan raawwate jedhu jiraattonni.
Humnoonni kunneen poolisiin humna addaa Oromiyaallee reeffa akka hin kaafne dhorkuu jiraattotatu hime.
Jiraataan naannicharraa OMNiif yaada kenne tokko milishoonni ajjeefaman kun ajaja mootummaatiin osoo hin taane quuqama qaban irraa ka’uun haleellaa garee kanaa uummata irraa qoluuf yaalaa turanii jedhe.
Bulchiinsi aanaa Giddaa Ayyaanaa milishoonni kunneen ajaja keenya malee socho’an waan ta’eef itti gaafatamummaa hin fudhannu jechuu hime maddi kun.
Kun kanaan osoo jiruu dabballoonni gariin ammoo reeffi milishoota kanaa kaafamuu qaba jechuu isaaniitiin humnoonni poolisii addaa garasitti yoo ergaman gareen Faannoo reeffi akka hin kaafamne dhukaasa banuun ugguraa akka ture jiraattonni himaniiru.
Boodarra reeffi milishoota 3 awwaalamuu quba akka qabu maddi kenya himeeti jira.
Weerara humnootiin naannoo godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti gandoota Haroo Ayyaanaa, Dooroo Oborraa, Gaattiraa, Gomboo fi Nageessoo jedhaman keessaa uummanni kumatamaan lakkaa’amu qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’uun gara magaalaa Ayyaanaatti baqachaa jiraachuus jiraattonni ibsaniiru.
Tibbuma darbe kana humnoonni kun namoota maqaan isaanii Firaa’ol Moosee fi Moosee Namarraa jedhaman Abbaaf ilma bakka tokkooti ajjeesanii loon fi qabeenya uummata naannoo sanaa saamanii akka deemanis jiraattonni himaniiru.
Humnoonni kunneen gandoota Haroo Ayyaanaa fi Nageessoo jedhamu keessatti manneen jireenyaa danuu gubuun qabeenya baay’ees saamanii jiraachuun ibsameera.
Gama biraatiin daandii Naqamtee geessu dabalatee daandiileen uummanni ittiin gabaa deemu, mana yaalaas deemu erga cufamanii turaniiru kan jedhan jiraattonni, daandilee kanarratti hidhattoonni kunneen gurmaa’un saamichaa fi ajjeechaa raawwachaa jiraachuu dubbatu.
Konkolaataadhaan nama ugguranii bakki geessan kan hin beekamne hedduu ta’uus himaniiru.
Dhukkubsataafi dubartiin deessuun sababa kanaan manatti lubbuun darbaa jiraachuus addeessaniiru.
Humnoonni naannoo Amaaraa godina Shawaa Bahaa aanaalee Fantaallee fi Boosatittis weerara adeemsisuun lafa bal’aa qabachuu isaanii irra deddeebiin gabaasaa turre.
Baatiiwwaniin dura milishoota mootummaa naannoo hojiif socho’aa turan jumlaan fixuunis waan yaadatamu.
Mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfii barbaachisaa humnoota daangaa cehanii naannicha weeraraa jiran kanneen irratti hin fudhanne jedhamuun cimsee qeeqama.
Kana malees erga mootummaan naannoo Oromiyaa waraana Oromiyaa keessatti deemaa jiruuf naannoo Amaaraa affeeree booddee haleellaan hidhattoota naannoo Amaaraa ittuu cimaa dhufe jedhu warri dhimmicha itti dhiheenyaan hordofaa jiran.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings