Godina Wallagga Lixaatti daandiin magaalaa Godinaa aanota shaniin wal qunnamsiisu caccabee imaltoonni rakkoof saaxilamanii jiru.
Daandiin magaalaa Godinaa irraa gara Aanaalee akka Sayyoo Noolee, Haaruu, Homaa, Ganjii fi Noolee Kaabbaa geessu cituun bonaa fi ganna sochiin hawaas diinagdee uummataa danqamee akka jiru jiraattonni OMN dubbise himanii jiru.
Daandiin citee tajaajilaaf rakkisuu isaatiin imaltoonni karaa KM 68 qofatti yoo xinnaate baasii birrii 400 – 500 gaafatamaa jiru jedhe jiraataan tokko.
Daandiin Cirrachaa faayidaan ala ta’aa jiru kanarratti konkolaattonni Dhoqqeedhaan liqimfamanii yoo imaltoonni irraa bu’uun harkisan mul’ataa jira.
Konkolaattonni suphee keessatti dhidhimanii yeroo dheeraaf karaarra yoo turanis mula’tee jira.
Haalli kun qisaasama yeroo fi qabeenyaa uummataa hordofsiisaa jira. Darbees lubbuu namaafillee sodaachisaa ta’aa dhufuu himu.
Uummanni karaa kana malee filannoo biraa hin qabu. Aanaaleen kunneen oomisha Bunaa fi Boqqoolloon beekamoodha. Rakkoo daandii kanaa ilaalchisee Uummanni irra deddeebiin iyyatullee furmaata argachuu akka hin dandeenye himata.
GIPHY App Key not set. Please check settings