Godina Wallagga Lixaafi Qellem Wallaggaatti daandiin konkolaataa erga cufamee guyyoota sadii ta’uu jiraattonni himan.
Konkolaataa gurguddaa biyya qaxxaamuran dabalatee konkolaattonni tajaajila geejibaa uummataaf kennaan akka hin imalleef ittifamuufi karaan cufamuu isaatiin, hawaasni rakkoof saaxilamuu himatu.
Sababa cufamuu karaa ilaalchisee wanti ifa ta’e akka hin jirres jiraattonni magaalaa Gimbii OMN-tti dubbataniiru.
Kibxata darbe jechuunis Fulbaana 24/2022 irraa eegalee Godinaalee Wallagga Lixaafi Qellem Wallaggaa keessatti tajaajilli geejibaa dhaabbatee jira jedhu jiraattonni magaalaa Gimbii OMN’f yaada kennan.
Akka maddeen keenya ibsanitti, waraanni mootummaa baay’ina hedduu qaban godinaalee kanneen qubsiifamuu hordofeetu tajaajilli geejibaa kan dhaabbate.
Konkolaataawwan gurguddoo biyya qaxxamuran dabalatee konkolaatonni deddeebisa uummataa magaalaarraa gara magaalaa adeemanillee dhaabbatanii jiru jedhan.
Sababa cufamuu karaatiin hawaasni rakkoo ulfaataa keessatti kufuu kan ibsan maddeen, suuqiiwwaniifi tajaajilli hawaasaa dhuunfaa hedduun erga karaan dhibee as cufamuufi kan banaa ta’aan ammoo qabata “meeshaan galaa hin jiru” jedhuun gatii dabalanii jireenya qaalessuu komatu.
Hawaasni daandiin cufamuu dura manaa ba’e hedduun, konkolaataa ittiin gara manaatti deebi’u dhabee saamichaaf saaxilamaa jira kan jedhan maddeen, aanota akka Aayira, Gullisoo, Laaloo Assaabiifi Boojjii Dirmajjiifi Boojjii Coqorsaatti ammoo humnootni mootummaa hidhaafi saamicha hammeessuu ibsu.
Sababni daandiin cufameef hanga ammaatti ifa akka hin taane himan maddeen.
Waraanni Biliisummaa Oromoo dhimma kana ilaalchisuun hanga ammaatti ibsa kenne hin qabu.
Imaltoonni adda addaa, barattoonni, daldaltoonniifi namoota waldhaansa barbaadan dabalatee keessumattuu barattoonni dorgommiif waamaman karaa ittiin adeeeman dhabanii buufata konkolaataa Magaalaa Gimbiifi Dambi Doolloo keessatti dararamaa jiru jedhu maddeen.
GIPHY App Key not set. Please check settings