Godina Wallagga Lixaa magaalaa Gimbii keessatti qabata deggertoota Waraana Bilisummaa Oromoo sakatta’uu jedhuun miseensonni raayyaa Ittisa biyyaa halkan halkan saamicha raawwachaa jiraachuu maddeen OMN-tti himan.
Manneen namoota qabeenya qabanii maqaa sakatta’insaatiin seenuun saamuutti aansee, sabboontota ammoo manaa gad baasuun ajjeesaa jiru jedhan.
Sadaasa 27, 2022 jechuunis Dilbata darbe magaalaa Gimbii ganda 02 keessatti hojjetaa teekinikaa magaalichaa Obbo Amaan Huseen jedhaman mana isaanii keessaa gad baafamuun, maallaqa akka kennaniif gaafatamanii maallaqan isiniif kennu hin qabu waan jedhaniif, rasaasaan ajjeefamaniiru jedhu maddeen.
Gochi wal fakkaataan akka kanaa magaalaa Gimbii keessatti irra deddeebiin mul’achaa jiraachuu kan himan maddeen, namoonni maallaqa kaffaluu danda’an kaffaltii raawwachuun lubbuu isaanii oolfachaa jiru, warreen kaffalachuu hin dandeenye ammoo ajjeefamaa jiru jedhu.
Ajjechaan seeraan alaafi saamichi akkasumas hidhaan jumlaa godina Wallagga Lixaa keessatti daran hammaate kana ilalachisee, komii hawaasaa itti himnee, gama mootummaatiin yaadasaanii dhaga’uuf Itti Gaafatamtuu Waajjira Koominikeeshinii Godina Wallagga Lixaa Aadde Lalisee Shibbiruu Irranaatiif bilbillee turre.
Aadde Laliseen bilbilli OMN irraa isaaniif bilbilamuu akkuma baraniin, bilbila nurratti cufaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings