Godina Wallagga Lixaa aanaa Laaloo Assaabiitti humnoonni mootummaa namoota nagaa shan ajjeesuun dhagahame.
Dargaggoota 9 immoo magaalaa Innaangootti mana maatii isaaniitii qabamanii hidhamanii asbuuteen isaanii dhabame keessaa dargaggoon tokko mana hidhaatii baafamee ajjeefamuu jiraattonni himaniiru.
Taateen rifachiisaa kun godina Wallagga Lixaa aanaa Laaloo Assaabii magaalaa Innaangoo keessatti raawwatame.
Aanaa Laaloo Assaabii magaalaa godinichaa Gimbiirraa kiilomeetira 23 fagaattee argamtutti rakkoo nageenyaatiif saaxilamuun, lubbuun namoota nagaa hedduu guyyaarraa gara guyyatti darbaa jira.
Guyyoota sadiii asitti achi buuteen nama sagalii ganda tokko keessaa dhabameera jedhu jiraattonni.
Namoota salgan keessaa dargaggoo Dafaa Saamu’el halkan gaafa qabamee sana ajjeefamuun reeffisaa balbala mana maatiisaa fuulduratti akka gatametu himame.
Dargaggoonni kunniin namoota nagaa gariin barattoota ganna kana boqannaarra jiran, gariin ammoo hojjetanii kan maatii ofii jiraachisan ta’uudha maddeen OMN kan ibsan.
Ji’a tokko as gandoota aanichaa kanneen akka Tosiyoo Molee, Daalattii, Qoo’ee Molee, Waragoo Arsammaa, Laaloo Wanjoo, Gomboo Kooraa, Agaloofi Aaxxosii bakka jedhamutti namoonni hedduun humnoota mootummaatiin akka ajjeefaman gabaasuun keenya ni yaadatama.
Roobii kaleessaas dhalattoota magaalaa Innaangoo baayyynaan 9 ta’aan ganda 01 bakka addaa Biiftuu jedhamuu qabamuun kaampii waraanaatti guyyaa tokkoof erga hidhamanii booda, namoonni muraasni mana hidhaatii baafamuun dhabamsiifamuutu himame.
Namoota ajjeefaman gidduudhaa namni lama obbolaa akka ta’anii fi, dheengadda guyyaa gaafa Kibxata galgala mana maatii isaanii keessaa humnoota mootummaatiin fudhatamanii galgaluma sana dargaggoo Dafaa Saamu’eel magaalaa Innaangootti rasaasaan ajjeefamee, reeffi isaa balbala mana maatiitti gatamuu namoonni ijaan argan himan.
Walumaa falatti aanaa laaloo Assaabii ganda Gomboo kooraatti nama 3, innaangoo ganda 01-tti nama tokko, magaalaa Dongorootti namalni tokko humnoota mootummaatiin guyyaa kaleessaa ajjeefamuu maddeen OMN himaniiru.
Hanga ammaattis reeffi nama tokko argamee awwaallamus, namni tokko uffatasaa qofatu argamee kan jedhan maddeen, namoota butaman keessaa namni sadii bakki buuteen isaanii dhabamuu fi mana hidhaafi kaampiilee waraanaa magaalicha jiran keessallee dhibamuu maddeen OMN-tti himaniiru.
Aanaa Laaloo Assaabii bulchiinsa magaalaa Dongoroottis, guyyaa kaleessaa ajjechaan suukkanneessaa dargaggoo naga qabeessaafi jiraataa magaalicha ta’e irratti raawwatamuu maddeen himaniiru.
Humnootni Mootummaa yeroo hawaasa dararanis ta’e hidhamtoota yeroo qoratan bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo jiru himuu diddan jechuun akka gaafachaa turanis maddeen keenya kunniin ibsaniiru.
Rakkoon aanaa Laaloo Assaabii keessatti mul’ate kun irra deddeebiin taatee argamaa jiru ta’uu kan himan jiraattonni, hawaasni nagaa doorsifamaa, hidhamaafi akka bineensaatti adamsamee ajjeefamaa jira jedhu.
GIPHY App Key not set. Please check settings