Godina Wallagga Bahaatti bakka bu’aa paartiifi miseensa Koree giddugaleessaa KFO kan ta’an Obbo Fiqaaduu Ayyaanaa humnoota mootummaatiin erga butamanii torbanirra caalus hanga ammaatti bakki buuteen isaanii hin baramne jedhan maatiin.
Bakka buutee dhabuu qondaala kanaa ilaalchisee maatiin yaaddoo qabaachuu himanii, bakka hundatti iyyannees furmaata argachuu hin dandeenye jedhan.
Kibxata darbe Onkoloolessa 08/2015 waaree booda, magaalaa Naqamteetti waajjira hojii isaaniitii poolisii humna addaa Oromiyaatiin qabamuu isaanii malee, sababa isaan qabamaniif quba hin qabnu jedhu miseensi maatii isaanii OMN dubbise.
Guyyaa gaafa qabamanii reebichi irratti raawwachuufi harki isaanii fuuncaan hidhamee turuu kan himan maddeen, guyyaa jalqaba qabaman biiroo nageenya magaalaa Naqamteetti hidhamuufi maatiin achitti argatee dubbisee akka ture OMN odeeffateera.
Obbo Fiqaaduun qabamuu isaanii guyyaa sadii booda bakki buuteen isaanii wallaalamuurraan kan ka’e, lubbuun jiraachuufi dhibuu isaanii wallaalanii rakkachaa jiraachuu maatiin OMN-tti himaniiru.
Obbo Fiqaaduu Ayyaanaa hojjataa waajjira dargaggoofi ispoortii Godinichaa ta’uu kan himan maddeen, kana duras yeroo adda addaatti hidhamaafi dararamaa turuu isaanii yaadachiisaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings